Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

ODUU

Guutummaa Awurooppaatti Yihuudonni maalif jibbaman?

Guutummaa Awurooppaatti Yihudoonni maaliif jibbaman? Filisxeemonni maaliif biyya isaanii keessatti jaarraa hedduuf gatii kaffalan? Hawaasni addunyaa maaliif furmaata argachuu dadhabe?

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti waa’ee ijoollee abbaa tokkoo, Filisxemotaa fi Israa’eloota irratti barreeffame keessaa wal-gaarreffannaa isaanii ifee mul’ata. Hundi keenya lola Daawitii fi Goliyaad gidduutti taasifamee ni yaadanna.

Yihudoonni bara mootii Solomoon Dh.K.D bara 961-922tti Baha Giddu Galeessaa keessa jiraachaa kan turan yoo ta’u, mootiin Nebukadnezaar Yerusaalem weeraree Mana Qulqullummaa Solomoon erga balleessee booda Yihudoonni tokko tokko gara Baabiloon kan deeman yoo ta’u, kanneen hafan immoo gara biyyoota adda addaatti faca’aniiru.

Biyyoota Yihudoonni biyyaa baqatan keessatti hojii daldalaa fi ogummaa harkaa irratti bobba’uu fi dandeettii dinagdee isaanii ijaaruu danda’aniiru.

Yihudoonni addunyaa guutuu faffaca’anii jiraachuu erga jalqabanii booda suuta suutaan mootummoota Roomaa, Faaris, Araboota, Turkii fi Mootummoota Kiristaanaatiin jibbaman.

maalif?

Jalqaba irratti sababni Yihudoonni itti jibbaman amantii ture.Yihuudonni waaqa tokkoo fi hordoftoota seerota kakuu moofaa waan ta’anii fi Kiristaanummaa cimsanii waan balaaleffataniif jibbaman.

Inni biraan immoo Yihudoonni Waaqayyoo irraa kakuu kan fudhatanii fi kan filataman waan ta’aniif namoota biroo wajjin makamuu ykn wal-tutuquu gonkumaa hin barbaanne. Ilaalchi isaanii kun saboota biraa biratri akka jibbaman isaan godhe.

“Waraana Fannoo” jedhamee Jalqabaa Awurooppaa keessatti godhame booda, jaarraa 12ffaa keessa haleellaan Yihudoota irratti raawwatamu bal’inaan jalqabe.

Warri waraana fannoo jalqabaa gara Yerusaalemitti yommuu lola banan Jarmanii keessatti Yihudoota hedduu karaa irratti ajjeesan. Addunyaa ammayyaa keessatti yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa keessattis Yihudoonni miliyoona jahaa ol Jarmanitti akka ajjeefaman seenaa nuti yaadannudha.

Dhuma jaarraa 19ffaatti Yihudoonni beekamoo Awurooppaa keessa jiraatan sochii Tsi’oonota kan jalqaban yoo ta’u, fedhiin mootummaa hundeessuuf qaban cimuu jalqabe.

Abbaa hundeessaa sochii Tsi’oonotaa ta’uun kan himamu Theodore Herzl gaazexeessaa Vienna, Austria irraa yoo ta’u, kitaaba “Jewish State” jedhu Fulbaana 1896 barreesse.

Amma, abjuun mootummaa Yihudootaa hundeessuuf bifa qabachaa jira.Yihuudonni kutaalee addunyaa faffaca’an irraa walitti qabamanii naannoo tokkotti biyya hundeessu. Kanaaf naannoo filataman Arjentiinaa fi Filisteem turan.

Mul’ata kan qabu Herzl Arjentiinaa kan filate biyya bal’aa, lalisaa fi baay’ina ummataa xiqqaa waan taateef, sababni inni Filisxeem filateef immoo mana keenya durii fi seenaa qabeettii waan taateefi jedhanii waan amananiifi.

Yeroo sanatti lammiileen Filisxeem 500,000 biyya isaanii keessa turan. Akka Addunyaatti mootummaa Yihuudotaa ijaaruuf sochii jalqabani.

Tiyoodor Herzl deeggartoota gahaa akka qabu erga mirkaneessee booda, Hagayya 1897tti konfiraansii Tsi’oonotaa jalqabaa Siwiizarlaandi Basel keessatti geggeesse.

Walgahii kana irratti Dhaabbata Tsi’oonata Addunyaa, alaabaa biyyaalessaa, faaruu biyyaalessaa fi Fandii Biyyoolessaa Yihudootaa beeksisaniiru.

Bara 1882 irraa eegalee Yihudoonni hedduun gara Filisxeem godaanuu jalqaban. Yihudoonni soreessoota waan ta’aniif, Filisxeemota irraa maallaqa guddaa ramaduudhaan lafa bitachuu jalqaban.

Lafa bitatan irratti Yihudoota Awurooppaa fi addunyaa irraa faffaca’anii fidanii qubachiisan. Hojii Qonna bal’inaan hojjrchuu fi ijaarsawwan gurguddaa ijaaruu jalqaban.

Amma lakkoofsi Yihudootaa Filisxeem keessa jiranii dabalaa jira.

Lakkoofsi Yihudoonni dinagdeen rakkachaa turan dabalaa dhufuun humna poolisii mataa isaanii gurmaa’uun Filisxeemota rakkisuu fi buqqisuu jalqaban.
Ameerikaa fi Ingilaandi karoora babal’ina Yihudootaa fi mootummaa hundeessuuf qophaa’e keessatti kallattiin hirmaattoota turan.

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda, Adoolessa 1947tti, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Filisxeemiin bakka lamatti qooduuf murtoo dabarseera.

Akka murtee kanaatti Filisxeem mootummaa Yihudootaa fi Arabaa kan qabdu yoo ta’u, Yerusaalem ammoo bakka idil-addunyaa ni qabaatti.

Adoolessa 29, 1947 konfiraansii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin geggeeffame irratti biyyoonni 33 murtee Filisxeem qoqqooduuf dhiyaate kan deeggaran yoo ta’u, biyyoonni 13 ammoo mormaniiru.Biyyoonni kudhan sagalee hin kennine.

Biyyoota sagalee hin kennine keessaa Itoophiyaan tokko turte.

Akka murtee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti lafti Filisxeem %56.47 Tsi’oonotaaf, %43.53 ammoo Filisxeemotaaf kenname.

Filisxeemonnii murtee kanaan baayyee aaraniiru. Yihudoonni hanga funyaan isaaniitti meeshaa waraanaa hidhatanii turan, Filisxeemota duguuguu fi ari’achuu itti fufan.

Filisxeemonnii biyya isaanii waggoota 2000 jiraatan dhiisanii haleellaa kana baqachuun gara biyyoota ollaatti baqachuu jalqaban.Kun ammoo guutuu addunyaa Arabaa keessatti dallansuu kaase.

Caamsaa 14, 1948, gaazexeessaan Yihudii Vienna irraa dhufe, Theodore Erzel, Dhaabbata Tsi’onotaa erga hundeessee waggaa shantama booda, hogganaan Tsi’onotaa Deeviid Bengorion Mootummaan Israa’el Tel Aviv keessatti hundeeffamu labse.

Ameerikaan guyyaa sana mootummaa Israa’el haaraa hundeeffame kanaaf beekamtii kennite biyya jalqabaa taate. Kanarraa kan ka’e Filisxeemonni lolatti seenani. Wal gaarreffaannan isaanii hamma har’atillee itti fufee jira.

Waggoota 50 booda isa hamaa kan jedhame Filisxeemonni Isiraa’el irratti lola hamaa bantee jirti. Lolli kunis guyyaa sadaffaa qabatee jira. Garee lamaan giddudhaa hamma ammaatti namoonni 800 ol du’aniiru.

Barreessaa Tadele .

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *