Ajjeechaa Jumlaa Yihuudota Irratti raawwatamee ture
Suuraan: getty image
(Dogongora Seenaa Kaleessaarraa Haa Barannu)
Bakki kun ‘Auschwitz Birkenau’ jedhama. Biyya Poolaandiitti argama. Gocha hammina dhala namaa jaarraa 20ffaa keessatti Naazii Jarmaniitiin Yihuudota irratti raawwatame kan agarsiisuudha. Bakki kun duraan warra Naaziitiin namoota siyaasaa biyya Poolaandii fi booji’amtoota waraana Sooviyeet Raashiyaa itti hidhuudhaaf kaampii hidhaa ijaarame ture. Boodarra garuu bara 1942-1945ALA Yihuudota guutuu Awurooppaarraa walitta funaanuudhaan bakka itti rakkisanii fi haala sukkanneessaadhaan itti ajjeesan warshaa du’aa ta’e. Warri Naazii biyyoota Awurooppaa yeroo sana koloniidhaan qabatan garagaraa keessatti kaampii hidhaa adda addaa ijaaranii turan. Inni kun garuu kaampiilee hidhaa hundumaa keessaa isa guddaa ture. Kaampiilee hidhaa biyya Poolaandii kanatti Yihuudota walitta qabanii jumlaadhaan ajjeesuuf kan barbaadaniif Yihuudonni baay’een yeroo sanatti biyya Poolaandii jiraachaa waan turanii fi Poolaand giddugala Awuroppaatti waan argamtuuf ture. Kaampii hidhaa fi ajjeechaa jumlaa kanatti namoota miliyoona 1.3-1.5tti ajjeefaman keessaa 90% oli Yihuudota yemmuu ta’an, hidhamtootni siyaasaa biyyaa Poolaandiis bara 1940ALA irraa kaasee ajjeefamaa turan. Bara 1942 irraa kaasee garuu bakkichi bakka hidhaa fi ajjeechaa jumlaa Yihuudotaa ta’e.
Akkuma suuraa irratti argamu kana Yihuudota biyyoota Awurooppaa garagaraa irraa hojiidhaaf barbaadamtu jedhanee gara bakka kanaatti gowwoomsanii sassaaban. Yihuudonnis dhuguma itti fakkaatee qabeenya qaban guuratanii gara Poolaandiitti imalan. Yeroo bakka kaampii hidhaa kana gahan bakka lamatti akka hiriiran godhame: hiriirri tokko dhiirota fayyaa qabanii fi hojjachuu kan danda’an, hiriirri kan biraa immoo dubartoota, ijoollee, maanguddoota, dhukkubsattoota, qaama miidhamtoota kan qabateedha. Kana booda waan sukkanneessaa isaan hin eegnetu isaan mudate: jalqaba qabeenyi isaan qabatanii dhufan hundumtuu irraa guurame, kopheensaaniis, uffatnisaanii, meeshaaleen mana keessaa hundumtuu osoo hin hafin irraa funaaname. Qabeenya funaaname keessaa wanta gaggaarii gatii baasu guuranii gara Jarmaniitti ergan. Erga qabeenyi irraa funaanamee booda dubartoota irraa rifeensisaanii irraa kutamee/haadamee warshaatti ergame. Ergasii namoota humna qaban, hojii humnaa hojjachuu kan danda’an qofaatti baasanii kaampii hidhaatti galchan, ergasiimmoo hojii humna garagaraatti bobbaasan. Namni hojii humnaatiif abboomamuu dide, kan bakka sanaa miliquu fi finciluu yaale kamuu hidhaa dhaabbiitti kutaa dhiphaa keessatti namoota baay’ee waliin dukkana keessatti hidhama; kaan immoo gaaffii malee fannifamee ajjeefama, warri kaan qawweedhaan ajjeefamu… hojii humnaa hojjatanii galanii nyaatni gahaan hin kennamuuf, bishaan qulqulluu dhugaatiif argachuun hin yaadamu, qulqullinasaanii eeggachuuf bishaan gahaan hin jiru, mana fincaanii guyyaatti yeroo lama qofaatu eeyyamama, manni fincaanii jirus golgaa hin qabu, namni waluma argaa wal-biratti fayyadama, manni isaan keessa jiraatan mana garmalee qabbanaawuudha, manni kaan immo mana fardoodhaaf/fardeeniif ijaarrameedha. Yeroo garmalee qorru, yeroo cabbii buusuutti uffataa fi ho’a gahaa waan argachuu hin dandeenyeef baay’een namootaa achumatti du’u.
Hojii humnaatiif warri filaman kunniin hammuma du’anitti hojjatu, ergasii rakkataniima du’u.
Namoota hojii humnaa hojjachuu hin dandeenye: namoota umriidhaan deeman, ijoollee fi dubartoota, dhukkubsattoota, qaama miidhamtoota akkuma achi gahaniin haala sukkanneessaadhaan ajjeesan. Warri kun dhibbeentaa 70 oli ta’u, isaanis akkuma suuraa irratti argamu battalumatti hiriiraanii gara warshaa du’aatti geeffamu. Akkaataa isaan itti ajjeefaman dubbachuun baay’ee ulfaataadha fi sukkanneessaadha… uffata irraa baasanii kutaa dhiphaa fi ukkaamamaa keessatti namoota baay’ee walitta qabuudhaan gaazii keemikaala nama ajjeesuu itti gadhiisuudhaan ajjeesu… erga ajjeesanii booda reeffasaanii walitta qabanii guubuudhaan daaraa/daadhaa sana akka xaa’ootti gargaaramu…
Ajjeechaan kun hundumtuu sababaa fi balleessaa tokko malee Yihuudota ta’uusaanii qofaaf irratti raawwatame. Maddi ajjeechaa kanaas jibba, olola siyaasaa jibbarraa madde, ‘Racism’, shororkeessummaa fi kkfdha. Fakkeenyaaf Naazii bakka bu’ee yeroo sana Poolaand bulchaa kan ture Haans Firaank namni jedhamu (1944), ‘Sanyiin Yihuudotaa sanyii addunyaa kanarraa guutummaatti baduu qabuudha’ jedhee dhaadachaa ture.
Walumaagalatti, kaampii hidhaa fi ajjeechaa jumlaa ‘Auschwitz Birkenau’ biyya Poolaandiitti raawwatame dabalatee kaampiilee hidhaa fi ajjeechaa jumlaa adda addaatti Yihuudota naannoo miiliyoona 6tu Naaziidhaan haala sukkaanneessaa ta’een ajjeefaman. Kun gocha gara jabeenyaa, gocha sukkanneessaa, gocha fokkisaa fi dukkanaa dhala namaatiin jaarraa 20ffaa keessatti warra Naaziitiin gaggeeffameedha. Yeroo kaampii hidhaa fi ajjeechaa jumlaa ‘Auschwitz Birkenau’ kana keessa deddeemnee guutummaasaa ilaallu miira keenya towachuun nutta ulfaate, imimmaan keenya qabachuu dadhabne.
Author Bilisa Negash