Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

SEENAA

Adoolf Hitler


Adoolf Hitler dhalataa Oostriyaa fi lammii Jaarmaanii kan ta’ee fi siyaasaan nama baldhinnaan beekkamu dha. Paartii NAZI hoogganuun akkasumas ajjeechaa cimaa warroota Yihuudii irrattii geessiseen beekkama; yeroo sanatti warroota Yihuudii miilyoona 6! Ajjeesiseera. Sababa kanarraan kan ka’e xiqqaa qabee hanga guddaa addunyaan guutuun
keessattuu warroonni Yihuudii maqaa isaa yoo dhagahan onneen isaanii akka nama maaraatoonii berlin fiigettii kan dhahatu. Namni kun jinni ykn seexanaa miti Hitler nama
jaarmanii ejjannoo fudhateef nama duubatti hin deebine dha. Anas seenaa namicha kana barreessuuf kan na kakaasee kitaabota hedduu irratti seenaa namoota waan gaarii hojjatan
qofti waan gadhiifamuufi dha.

Hitleer ebla 20, 1889 oostriyaaa keesstti iddoo ‘braunau am inn’ jedhamutti addunyaa luka
tokkoon dhaabuuf namni jiru kun dhalate. Haati isaa ‘Klara Potzl’ fi abbaan isaa ‘Alois
Hitler’ dha. Seenaan tokko tokko akka ibsuttii haati isaa isa garaa baasuuf mana yaalaa deemtee garuu doktorichatu dhoorkeen malee!

Hitleer yeroo ijoollummaa isaatti Abbaa isaa fi barsiisota mana barumsaa keessa jiran waliin
yeroo baayyee wal dhabaa ture. Inumaayyuu sababa abbaan dhiibbaa isa irraan gaheen
boodarra akkas ta’e jedhu. Dabalataan wanti nama ajaa’ibsiisu immoo hitleer waggaa 8tti barumsa faarfannaa mana amantaa kaatolikaa keessatti fudhataa akka turee fi irra darbees
luba (qeesii) akka tahuuf kaadhimamee ture; innis Abbaa amantaa tahuufis abjuu guddaa qaba
ture.

Akkuma namoota oostriyaa jaarman biroo yaada jaarmaanummaa ykn isa ‘nationalist’ jedhamu umriii dargaggummaa isaatti akka eegale dubbatama. Innis faaruu ostriyaa faarsuu
caalaa kan ‘deutschlandlied’ jedhu kan warra jaarmaanii hiriyyoota isaa waliin faarsaa ture.

Abban hitleer ‘alois’ ammajjii 3,1903 tasa yommuu du’u, akkasumas harmeen akka lubbuuttii isa jaalattu isaa waggaa 18 jirutti muddee 21,1907 sababa kaansarii harmaatiin
addunyaa kanarraa boqotteetti. Sababa gaddisiisa kanarraaan kan ka’e Hitler rakkoo qarshii
fi mana keessa jiraatuyyuu dhabuun rakkachaa ture. Innis jiruu kana injifachuuf barumsa
fakkii waan barateeruuf fakkiiwwan adda addaa kaasuun gurguraa of jiraachisaa ture.
Jibbiinsa warra seemii (Yihuudotaa) akka qabaatuu wanti isa kakaasee irratti wal dhabdeen
hayyoota giddutti jiraatus garuu yaadota ka’an keessaa tokko akka jedhutti namichi tokko yaada kana naannawa inni jiraatutti babaldhisaa ture innis sana booda yaada namicha kanaa akka fudhatee himama; garuu daran jibbiinsa isaaniif qabu kan dabale erga jaarman waraana
addunyaa tokkoffaa irratti injifatamteen booda ture.

Paartii NAZI keessa kan gale bara 1921 ture. Ammajjii 30, 1933 chaansilara ta’uun akkasumas bara 1933 bitootessa keessa gara aangootti ol ba’eera. Innis sadarka kana bira ga’uuf dhamaatii hedduu taasisee ture; mana hidhaa keessas ture.
Hagayya 22, 1939 Adolf Hitler waraana ofii qopheessun loltoota isaatti pooland weeraruuf
akka ta’e fi qophii akka taasisan dhaamsa dabarse. Sana booda fulbaana 1, 1939 pooland
weeraruun lixa poolaandii of harkatti galfateera. Sana boodas Fireensi fi Inglaand fulbaana 3 irratti waraana jaarman irratti labsaniiru. Weerarri jaarmanii kunis waraana addunyaa
lammaffaa namoota baayyee fi qabeenya hedduu mancaaseef sababa guddaa ta’eera.

Hitleer weerara kana booda biyyoota hedduu weeraruni fi humnaan qabachuu itti fuufe.
Akka natti fakkaatuttii yaadni isaa akka Naapoliyoon Bonaapoortee yaale sana awurooppa
tokko godhuuf ture. Jalqabarrattis weerarri inni taasisuu kun baayyee sodaachisaa ture.

Jaappaan buufata doonii ameerikaa ‘parl harbor’ ‘Hawaii’ keessatti argamu erga rukutteen booda jaarmanis guyyaa afur booda waraana USA irratti labsitee. Dabalataan waraana
Sooviyeet irratti bane boodarratti akka inni dadhabu isa taasisee. Yeroon booda Hitler daangaa baldhaa inni qabatee ture humnoota Biriteenii kan USA deeggaramtuu injifanno irraa fudhatameen dadhabaa dhufuu eegale.

Ebla 23, 1945 humni British isa raayyaa diimaa (red army) jedhamu magaala guddoo
jaarman Barliin to’achuun akka hitleer lammata iddoo jiruu hin kaanetti kuffistee. Weerara
kana booda intala‘Eva Brown ’ jedhamtu waliin ebla 28-29 gidduuttii cidha geggeesseera.
Garuu wanti isa gaddisiisu tokko mudate; innis Xaaliyaanii (Itaalii) fi jaarman weeraramuu ishee dhagahuu
isaati, innis sana booda injifatamuu koo dhagahuu irra kan of ajjeesee wayya jechuun
qawwee qabateerun of dhaheeti of ajjeeseera.
Hitleer jireenyi dhuunfaa isaa haadha manaa amma fuudhe tana’ Eva Brown ’ wajjiin kan wal
bare bara 1929 yommuu tahu garuu isaan ebla 29, 1945 kan wal fuudhan ta’us ganama sana lachaniyyuu of ajjeesanii argamaniiru.

Wanta osoo hin dubbatin bira darbuu hin barbaadne tokko Hitler nama akkasittii ajjeesisus mirga bineensotaaf baayyee falmuun beekkama! Namaaf jaalala kan hin qabne akkamitti bineensota jaalate? Jettanii yoo na gaafattan deebiin koo isuma gaafadhaa jechuun jaaladha.

Egaa Addunyan kun isa gaarii hojjetes hamaa hojjetes inuma baatti ni keessumeessitis dhumni isaanii maal akka ta’e immoo seenaan Hitler kun barsiisaa gaariidha.
Seenaa Namoota Beekamoo Addunyaa barachuuf website kanaan nu hordufuu hin dagatiinaa .
Bilisa Negash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *