Seenaa Naappooliyoon Hiil
Maatii harka qalleeyyi ta’an irraa baadiyyaa gaarreewwaniin marfamte kan Wise Country, Virjiniyaatti kan dhalate bara 1883 ennaa ta’u, mucaa hiyyumaa keessatti dhalachuun guddate waan tureef carraa addaa bakka kanatti dhalachuun isaaf kenne hin turre. Haati Hill reef daa’ima ganna kudhanii isaa ta’u dute. Abbaan isaas kan niitii kan biroo fudhe waggaa du’a haadha isaatti ture. Haati buddeenaa isaa kun mucaa kanaaf eebba guddaa taate.
Haati buddeenaa isaa Maartaan dargaggummaan kan dargaggummaan abbaan manaa irraa du’e nama baratte fi abbaan isheen irraa dhalatte ammoo doktora ture. Isheenis mucaa buddeenaa ishee kan anniisaa olaanaan guutamaa ta’ee fi kan yeroo hedduu dalagaa ijollee didduu taatee irratti bobba’u kana jaallachaa dhufte. Miseensi maatii isaa haaraan kun madda jajjabinaa kan hamma bara dhuma jireenya isaa dachee irratti isa faana imale taateefi. Jireenya isaa gara boodaa irratti haadha buddeenaa isaa kanaaf beekamtii fi galata onnee irraa madde kan Pirezidaantii Yunaayitid Isteets kudha ja’affaa kan ta’e Abiraam Linkeniif kennu kennaafi. Yeroo tokko dubbii isaa keessatti akkas jedhe, “ Wantan amma ta’e jiru yookaan ta’uudhaaf yaada qabu kamuu kan akkan ta’uuf ana gargaare dubartii jaallatamtuu sanaani.” Gargaarsa haadha buddeenaa isaan yeroo ganna kudha sadii ta’u Shugguxii qabachuu eegalee ture Taayipiraayiteriin jijjiruu danda’ee jira. Barreeffamoota hedduutubarreeffama isaa eera.
Hill ganna lamaaf barnoota isaa sadarkaa lammaffaa erga hordofee booda Kolleejii biizinesii seenuun eebbifame. Sanaan booda Abbaa seeraa Olaanaa Naannoo Virjiniyaa kan ta’e fi Kaadhimamaa Seenaatera Yunaayitid Isteets kan yeroo tokko ture Rafas Ayires bira carraa hojii gaafate. Rafas Ayires biizinesii baankii, cilee uumamaa baasuu fi kan biroo keessatti kan hirmaatu waan tureef, Hill inni sureessa guddaa gochuun isa yaadee ture. Garuu akka tasaa fedhiin barnoota seeraa hordofuu waan isa keessatti uumameef obboleessii isaa Vivan akka isa faana Kolleejii seeraa Jorjtawon isa faana seenuuf amansiiseni. Sanaan booda barreessaa ta’uunii fi lamaan isaanii gama gama isaaniin akka hojjetan yaada qaba ture. Gaaffiin lamaan isaanii fudhatama waan argateef lamaan isaanii seera barachuu eegalani. Haa ta’u malee Vivaan hamma dhumaatti deemee eebbifamullee, Napoliyon Hill filannoo biraa waan argateef barnoota isaa addaan kute.
Filannoo inni argate kun barruu ‘Bob Taylor’s Magazine’ jettu kan Robert Taylor innis seenaatara Yinaayitid Isteets, Tenessee irraa kan ta’ee ture keessaa carraa hojii ture. Hojimaneen Hill yeroo sanaa Seenaalee milkaa’aanee qindeessuun dhiheessu ture. Yeroo akka gaaffiif deebii gaafachuun dhiheessuuf gara Andiriw Karnigitti ergamu, gaaffiif deebiin mana isaa kan kutaa afurtamii shan qabu keessatti yeroo gabaabaaf qofaa taasifamaaf yaadamee ture sun guyyaa sadii itti fudhate. Karniig akka inni namoota milkaa’aniif gaaffiif deebii gochuun falaasama milkaa’inaa qopheessuuf yaada dhiheesseefi. Jireenyi Hill battalumaan jijjirame. Hojiin isaa idileenis namoota milkaa’an gaffiif deebii gaafachuun, namootni gariin maaliif milkaa’anii kaan ammoo milkaa’uu dhaban qorachuu ture.
Karaa Karniig Wal baruun namoota beekamoo yeroo sanii kan ta’an kan akka Heneri Ford, Tomas Edisan, Jorj Istman, Joon D. Rokifiller fi kanneen biroo faana wal arguuf gahee jira, Dargaggoon Hill. Hillis qorannoo isaa kana hamma kitaaba isaa jalqabaa gabaaf dhiheessutti namoota dhibba shanii ol ta’an hasoofsiisuun qopheessuun ganna digdama itti fudhatee jira.
Walumaa galatti ganna 87 dachee kana gubbaa jiraate. Yeroo jiraate kanatti falaasama milkaa’inaa inni qorachuun bifa kitaabaan dhiheesse, akkuma gaafa duraa har’allee kan hojiitti hiikamani dha. Kitaabni isaa jalqabaa kan maxxansame bara 1928 ennaa ta’u yeroo sanatti kaffaltiin isaa ji’aan doolaara 2000 hamma 3000 kan gahu ture. Maallaqni kun yeroo sana guddaa ta’uu isaa irraan kan ka’e bakka dhaloota isaati mana ittiin bitachuu danda’ee jira ture.
Hill kitaaba gabaabdu ‘ The Magic Ladder to Success’ barreessee kan ture ennaa ta’u, irra deebiin gaafa qindeessu mata duree ‘Yaada addaa afurtama’ mallaqa argachuuf jedhu itti eda’uun kitaaba ‘The Law of Success’ jedhutti jijjire. Yaada Hill kaase keessaa tokko buufata gaazii Motaristootni guyyaa yookaan halkan utuu hin jedhin ofiin of tajaajilan, hannaa hir’isuuf furtuu malee cufuun haala itti danda’amu fi haala utuu humna namaa hin barbaadin itti biqiltoota bishaan obaafamuun danda’amu ture. Yaada isaa kana kan barreesse bara 1930’moota keessa ennaa ta’u kun ammoo akkam Hill nama mul’ataa akka ta’e kan argisiisu dha.
Nama mul’ataa ta’uu isaaf ragaa cimoo kan biroo kan ta’u kan biroon kitaabootni of gargaaruu irratti yeroo ammaa barreeffaman hedduun waggaa saddeettama dura isa inni barreessee bifa biroon barreessun malee adda ta’uu dhiisuu isaaniiti.
Har’a kitaabni hedduun akka waan qajeelfama haaraa kalaqamee kan milkaa’ina mirkaneessutti seera wal-harkisuu (Law of attraction) irratti barre
Bilisa Negash