Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

ODUUSEENAA

Galaana Diimaan hidhata maalii Itoophiyaa waliin qaba?

Galaana Diimaa
Dhimmi Galaana diimaa tibba kana ijoo dubbii ta’ee ofii Galaana diimaan maal fakkaata?
Dhibeentaan 40’ni oomisha Addunyaatiifi daldalli addunyaa keenyaa doolaara tiriliyoona heddutti tilmaamamu kan itti daldalamu tahuun isaa kan himamuuf galaanni Diimaan boba’aan addunyaa 15% nis galaanuma kanarratiin geejjibsiifama kan jadhan kadhimamaan PhD fi ogeessi saayinsii siyaaasa Shimallis Haayiluu Galaaanni Diimaan bakka hedduu murteessa tahe jadhanii jiru .

Galaanni diimaan biyyoota dhihaatiifi biyyoota baha fagoo wal qunnamsiisuuf iddoo hedduu murteessa tahuus himuun galaanichi gama siyaasan , nageenyaan , sochii seeraan alaa qaama galaanarraatti taasifamu to’achuufis taanaan, akkasuma shororkeessummaa ittissuuf bakka ijoo ta’uu himaniiru.

Qaamni nageenya addunyaa to’achuu barbaadu kammiyyuu haala nageenyaafi siyaasa naannawa Galaana Diimaa fi haala daldala naannichaa to’achuu akka qabu ibsaniiru.

Baroota hedduu of duubatti deebi’uun yoo ilaalle galaanni diimaan Itoophiyaaf bakka shoora mataa ishee itti taphattu qofa osoo hin taane daangaa isiitillee tahuun tajaajilaa akka ture seenaan biyyattiidha ni dubbata .

Seenaa keessatti Itoophiyaan Galaana Diimaaf dhihoo tahuu isheerraa kan ka’e yeroo sanitti gama diinagdee, dippiloomaasii fi hawaasummaatiin addunyaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa biyya turte tahus garuu, seenuma wajjiin wal qabatee galaana diima irraa qollifamaa kan dhufte Itoophiyaan balbala galaanatis akka dhabdu taasifamuun hangafummaan dhiibbaa dippiloomaasii fi diinagdee akkasummas hawaasummaa yeroosittti qabdu akka hira’atu taasifamee jira .

Dhahaatuma Galaana Diimatti dhihaatamaa deemameen diinagdeen, dippiloomaasii fi siyaasaan irree biyyoota cimaa deema kan jadhan kadhimamaan PhD Shimallis Haayiluu biyyoonni addunyaa gurguddoon kanneen akka Ameerikaa, Raashiyaafi Chaayinaafaan galaanichatti fayyadamoo ta’anis garuu biyyoonni Afrikaa kanneen galaanichaatti aananiifi dhihoo ta’an garuu taajjabdoota taasifamanii hafuu isaanii himan .

Dabalataanis biyyoonni hanguma galaana diimarraa dhiibamaa deemaniin dhiibbaan isaan sadarkaa idil addunyatti geesissuu danda’an xiqqaachaafi hira’achaa akka deemus ibsanii jiru .

Biyyoonni addunyaa keenyaa hangafa jedhaman kan lakkoofsaan 11 ta’an naannaawwa galaana diimatti buufata waraana dhaabbiin hundeessuu irraa kaasee hanga dhiibbaa siyaas diinagdeefi hawaasummaa akkasumas sochii barbaadan raawwachutti deema kan jiran yeroo tahu, seenaanis tahu seeraan anis bakkichatti hirmaachuun qaba jechuun biyyi Itoophiyaan yaada kaaftee kan jirtu, inumaahuu dhimmi Galaana Diimaafi haqummaan fayyadamuu balbala Galaana Diimaa ajandaa biyyattiin dursee ka’uun irra tures jechuun aanga’oonni biyyattii fi namoonni siyaasa biyyattiin qabdu akkasumas lammiiwwan biyyattii hedduun amanu .

Somaaliyaa fi Ertiraanis dhimma galaana Diimaa mariif akka hin dhiheeysine beeksisanii kan jiran yeroo tahu, bu’uuruma kanaan ‘Blumberg’ ministera haajaa alaa Somaaliyaa wabeeffachuun akka gabaasetti Somaaliyaan heera Mootummaa isii irratti lafa galaanaa fi Samii isii akka qabeenya qulqulluufi kennaa Rabbiitti waan ilaaltuuf marii takkaafillee akka hin dhiheessine ifoomsitee jirti .

Ertiraaniis dhimma Galaana Diimaa kan ilaallateen qaama kamiyyuu wajjiin mariif kan hin teenyeefi dhimma Galaanichaa irratti eenyus taanaan eenyuun akka hin keessummeessine ibsa baaftee jirti .
Bilisa Negash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *