Addunyaa Kun Madaala dhala namaa jallisti
Tokko baasee yeroo gatu tokko dhabee imimmaan dhuga!
Boontuun Nama Biizinasii hojjetu Sooressaa jedhamutti heerumtee kan ture siʼa taʼu, Rabbi isaan eebbisee ijoollee sadii waliin godhatan. BOONTUUN mucaa isaanii sadaffaa erga dhalattee booda, daa’ima biraa akka hin godhanneef qoricha da’umsa ittisu fudhachuu jalqabde. Kunis, Lakkoofsi ijoollee isaan barbaadan sadii waan tureefi.
“Akka tasaa yoon ulfaa’e maal goona?” Jette Boontuun sagalee taphaan, garuu yaaddoo xiqqoodhaan Sooressaa gaafatte.
Sooressaan akka tasaa harka isaa ol qabee achiis ” kun gonkumaa hin ta’u hanga qoricha ittisa dahumsaa fudhattutti gonkumaa hin ta’u… Mucaa afraffaan godhachuu matumaa hin barbaannu mitii?”
“Lakki hin dandeenyu” jettee Boontuun daftee deebisteef.
Jiʼa Adoolessaa keessa waaree booda aduu qabu tokko, sooressaa fi Boontuun hospitaala deemanii. Beellama doktoraa boodas gara manaatti deebi’uuf qophaa’aniiru. Sooressaan motora konkolaataa isaa kaafatee, konkolaataa oofee deemuuf osoo jiruu Boontuun akka tasaa Sooressaadhaan dhaabatee akka ishee eegu isa gaafatte. Ija ishee dubartii hospitaala fuuldura kophaa dhaabbattee argite irraa kaasuu hin dandeenye.
“Ishee beektaa?” jedhee Sooressaan Boontuu gaafate.
“Lakkii hin…” jettee battalumatti deebii kennite Boontuun ammallee akka waan waa’ee ishee waan hubatteetti giiftii sana ilaalaa “Isheen waan boossu fakkaata. Oo, yeroo ammaa kana dhiphina guddaa keessa jirti ta’a, namnis ishee bira hin jiru achitti ishee jajjabeessuuf…. jette Boontuun Sooressaan, mee kophaa koo ishee wajjin haasa’a, tole?” Jedhe.
Boontuun sabbata ishee ofirraa baastee ariitiin konkolaataa irraa buute dubartii boo’aa jirtutti dhiyaatte. Isheen dargaggeettii, bareedduu, jireenyaa wajjin hoʼaa fi gammachuu baayʼee kan barbaaddu turte. Ijji ishee boo’icha irraa kan ka’e diimate. Boontuun harka ishee qabdee ija ishee keessa ilaaltee akkas jette.
“Yeroon kun siif ulfaataa ta’uu akka ta’e nan beeka. Waan keessa jirtu beekuu baadhus, garuu hunduu gaarii akka ta’u siif mirkaneessa. Dhaggeeffadhu, waan hunduu gaarii siif ta’a “.
Dubartiin boossu sun akka tasaa sagalee ishee imimmaan irraa raafamaa,
“Lakkii miti. Gonkumaa Gaarii hin ta’u. Ammas ta’e… Ulfi koo dhabe. Ulfi kudhan waanan ba’eef kana booda kana keessa darbuu waanan danda’u natti hin fakkaatu. Baay’een dhukkubsadhee dadhabeera.” Gadameessi koo gonkumaa daa’ima gara yerootti baachuu hin danda’u. Ani haadha ta’uu qofan barbaada. Mucaa ofii koo qofa baachuun barbaada!” jettee humnaan boo’uu eegalte, hafuura baafachuu dadhabde.
Boontuun sekondii tokkoof jecha tokkollee baasuu akka hin dandeenye miiraan akka dhiphatte itti dhagaʼame. Harka ishee dubartii boossu sanaa irra kaa’attee, Sana booda gurra ishee keessa tuxxuqxe.
“Onneen koo siif cabeera. Daa’ima godhachuun siif addunyaa jechuu akka ta’e nan hubadheera . Yeroo akkanaa keessatti jechoonni jajjabina salphaan akka hin jirre naaf gala, garuu yaadni fi kadhannaan koo si waliin jira. Waan jireenyi qabuuf baay’een gadda.” sitti hin dhagahamiin jetteen…”
Yeroo sanatti bilbilli dubartii kanaa boorsaa ishee keessaa bilbilamuu jalqabe. Isheenis harka isheen qabdee, iskiriinii ilaaltee, achiis bilbilicha sana boorsaa sanatti deebiftee darbatte.
“Gaarummaa kee fi jajjabina nuuf kenniteef galatoomi” jettee garaa ishee akka gagaa baqeen harka isheetiin imimmaan ishee haxaa’aa dubbatte. , ” Tole, dhuguma deemuun qaba… Of eeggannoo godhi!”jettee keessaa kutte.
Boontuun achi dhaabbattee dubartittiin ariitiin akka deemtu ilaalaa turte. Yeroo muraasaaf ija ishee hin buqqifanne. Sana booda gara konkolaataa sanaatti deebite.
“Heey kottu ni ga’a dubartii kun maaltju ta’e?” Jedhe sooressaan ishee gaafate.
Garuu Sooressaa kan ajaa’ibsiise Boontuun akka tasaa imimmaan ishee cabsite. Dafee harka ishee tuttuqee.
“Heey maaltu dhibe? Maaliif boossi?”
Boontuun dubbachuu yeroo jalqabdu caalaatti boosse.
“Sooressaa , mucaa afraffaan waan nu hin barbaachisneef reefuu ulfa baaseera. Garuu dubartii amma haasofsiise sana argitaa… haadha ta’uuf, mucaa godhachuuf boossee du’aa jirti.” mucaa ofii.Aniifi ishiin waan wal fakkaataa qabna;lamaanuu mucaa keenya har’a dhabne.Garaagarummaan jiru ani kan kootiif gatii hin kennu, isheen garuu kan isheetiif iddoo guddaa kenniti.Ani itti yaadee kan koo dhabe, isheen garuu osoo hin eegin kan ishee dhabde.Jireenyi akkas haqa dhabde , mitiiree? Namoonni tokko tokko wantoota isaan hin barbaachifneen eebbifamu, kana gidduutti garuu namoonni dhugaadhaan wantoota sana barbaadan, yeroo baay’ee hin argatan” Jettee boosse.
Egaa jireenyi Dachee kana irraa akkuma seenaa kana irraa barannu isa ishee barbaadu ni baqatti warra of gahaaf immoo hamma baasee gatutti kennuu itti fufti.
Baa’een keenya madaa seenaa kan irraa hin fayyinee fi godaannisa yeroo hunda kulkulfachaa jiraannu kan bara jireenya keenyaa hunda hawwinee argachuuhin dandeenye hedduu qabna.
Kunis sababa balleessuu ykn seera cabsuu keenya qofaaf kan nutti dhufe qofa osoo hin taane hiree uumaan ganamanuuf kennu ta’uu isaa hubachuun gaariidha. Dacheen kun loogiin kan guuttedha dhugaan nama kamii walqixa ilaalamee hin beeku.
Yeroo tokko tokko jireenya keessatti, wantoota dhugaan hawwinuu fi kadhannu hin argannu. Hojii, carraa murtaa’e fi kkf yeroo dhabnu dhuguma garaa nama cabsuu danda’a.Gama biraatiin namoonni baay’een wantoota sanaaf guutummaatti gatii hin kennine, saanii warqee irratti argatu. Waan qalbiin kee hawwu hundaan siif haa eebbifamtu, wanti siif malu hunduu, sitti haa dhufu.
Barreessaa: Bilisa Ne.