Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

ODUU

Addunyaan kun faallaa warra qajeelotaati

Namoota dhugaa qabatanii deemsa eegalaniif galmi isaanii dhiyoo fakkaata; Yeroo adeemanis dhugaa waan qabaniif mormiin jireenya isaanii kan muudatu hin fakkaatu.
Abdii guddaadhaan galma isaanii ilaalanii yeroo deeman daandii irratti wanti isaan hin eegne isaan qunnama.

Kunis hanga rifachiisee, humna buusee, Abdii kutachiisee namoota ciccimoo illee harka kennisiisutti wanta nama muudatudha. Keessumaa muudannoon akkasii kan cimu warra kaayyoo fi galma dhugaa qabutti akka ta’es ragaan namoota hedduu irraa argamu ni mirkaneessa.

Taateewwan gurguddoon umrii isaanii waliin wal hin madaalle namoota sammuun cimoo( Masterminded) ta’an muudatu immoo caalatti wanta nama aarsuu fi jireenyaaf abdii nama kutachiisudha.

Keessumaa, taatee Addunyaa keenya kana irratti guyyaa guyyaan ta’aa oolu yoo xiinxalle, Addunyaan kun nama waan qajeelaa yaadu, mul’ata dhugaa qabuu fi galma isaa beekee daandii mataa isaa irra imalu waan ofirrattu jibbite fakkaatti. Ammatti dhedheeratee morma ol baafatee mullachaa kan jiru hamootadha.

Daandiin Qajeelotaa duris ta’ee ammas akkuma gufuun guutetti jira. Kaan gufatanii isaaniif gamnaan gara duubaatti deebi’aniiru. Kaan immoo fulduratti cichanii aarsaa lubbuu kanfalaniiru, warri kaan immoo osoo harka hin kenniin kaayyoo isaaniif cichanii haalota isaanii mijeeffachuu dhiisuun gara dhaloota tajaajiluu fi dhugaan imaluutti qalbii isaanii luuccessuun waan nyaatanii fi dhugan illee dhabanii jireenyaaf jireenya du’aaf immo, lubbuun kan hin baane keessa jiru.

Jireenyi Addunyaa kanaa gaaffii fi dhiphinaan kan guutame ta’ee jiraatus, warra akka barbaadan dubbatanii fi akka barbaadan ejjetan gaaffii fi dhiphinni maqaa isaanii iyyuu erga dagatee bubbuleera. Amma ta’e jedhamee kan firii rakkinaa dhandhamachaa jiru warra Dhugaa waamanii fi duuka bu’anidha.

Namoonni imala dhugaa eegalan kaan amma iyyuu imalatti jiru; kaan immoo fajajanii eessa jirta dhugaa jedhanii imimmaan isaanii dhugu. Warri fakkeessituun Ajandaa to sobaa kalaqanii ba’anii ittiin dhageettii fi beekamtii hin malle fudhatu.
Inni homaa hin beekne akkuma wallaaletti itti fufee jira.

Maaltu ta’e
Sobduutu jajame, Saamtuutu olqabame, hiyyeessi garaa qulqulluu ni tuffatame, dhugaan irra ejjetame, namummaan ni dagatame, boru yaaduun ni hafe.
Namummaa wanti jedhamu seenaa qofa taatee hafte.
Dhugaan ni dubbata moo hin dubbatu kan jedhu turree bullee ilaalla.

Bilisa Negash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *