Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

GORSA

Diraamaa Addunyaa kanaa Injifachuuf

  1. Xiqqoo dubbadhu, baayyee dhaggeeffadhu. Yeroo waan jettu qabaattus, waan jechuu barbaadde namoonni haasoftu si dhaga’uuf fedhii guddaa qabu.
  2. Dhimma akka amantii, siyaasa, falmii irratti gonkumaa namoota waliin hin falminaa. Isaan waliin walii galtee ykn tuffattee biraa deemuu qofa dandeessa. Dhimmoota sana irratti isaan waliin falmuu yoo barbaadde raaree keessatti kuftee na kaasaa akka jechuuti.
  3. Dubbachuu kee dura yaadi. Dursa osoo itti hin yaadin waan tokko dubbachuuf ariifachuun, wanta booda itti gaabbitu si dubbachiisa.
  4. Namoota biroof gad of deebisuu fi safuu qabaachuu bari! Namoonni akka fedhanitti si ilaalanis gara fuulduraattis ni gaabbu.
  5. Miira kee to’adhu! Kan iyye waliin iyyituu, kan sirbu waliin sirbituu , kan fiigu waliin Atileetii taatee siif hin danda’mu miira tokko keessa jiraadhu.
  6. Tarkaanfii kee itti aanu eenyutti iyyuu hin ibsiin. Namni waan hin beekne irratti sitti duuluu hin danda’u.
  7. Waa’ee ofii hin dubbatin. Xiyyeeffannoo hunda gara keetti jijjiiruu mormi( namni akka si duwwaa hordofu) hin barbaadiin
  8. Yeroo hunda yaada kee guutuun namoota biroo wajjin yeroo haasoftu ofitti amanamummaa qabaadhu!. Yeroo dubbattan dhibbeentaa 50, yeroo dhaggeeffattan ammoo %70 ijaan ilaalaa haasa’i.
  9. Gonkumaa hojii ykn gocha nama tokkoo illee (Garagalcha) koppii gochuuf hin yaalin. Adda ta’i.
  10. Waan of kennuu guutuu dhiyeessuu hin dandeenye hin jalqabiin.
  11. Callisuun deebii hundarra gaarii warra si jibbaniiti! Xiyyeeffannoo isaan barbaachisu kennuufii dhiisi!
  12. Dandeettii yaada gurguddaa baasuuf of leenjisi Baayyee xiinxalaa ta’i kunis waantota adda ta’een akka ilaaltu si gargaara. Sababoota akka ati hojjettutti wantoota hojjettu qabaadhu. Waan tokko haala adda ta’een ilaaluuf bilisa ta’i.
  13. Daandii namoota hedduub irra deeman hin hordofiin! Yeroo hunda murtoo dhugaa fi sababa qabeessa irratti hundaa’uun fudhadhu. Karaa kee filachuuf ija jabaadhu.
  14. Diraamaa addunyaa irraa fagaadhaa.
  15. Gaaffii hiika qabu gaafachuu irraa duubatti hin jedhiin. Xiyyeeffannoo kennuu akkasumas haasawa sanaaf fedhii qabaachuu argisiisa.
  16. Waan tokko qofa irratti of eeggadhu, qaxalee ta’i. Gonkumaa akkasumaan jooraa fi bara baraan naanna’aa ta’uuf hin yaalin. Bilisa Negash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *