Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

MORAL STORIES

Amaloota Gaarrarraa irraa maal barannaa

Amaloota Gaarrarraa Namoota bara kanaa wal fakkeessan keessaa muraasa .

1.Gaarrarraan, ija isaanii kallattii adda addaatiin sochoosuu danda’u kana jechuun ija tokko gara biraatti kan biraas gara biraatti.

  1. Saayintistoonni baayʼeen tokkoon tokkoon ija Gaarrarraa walirraa walaba taʼee akka hojjetu ta’uu ibsaniiru. Fknf al tokkotti tokko obbo Tolasaa ilaalaa jira tokko immoo Aadde Caaltuu ilaala jechuudha .Saayintistoonni Israa’el garuu iji chameleons, dhugaa dubbachuuf, qindoomina olaanaa akka qabu dubbatan kun immoo bakka garagaraa ilaalan illee sammuu isaanii keessatti ijji isaanii lamaan wal beeka.
  2. Gaarrarraan Waanuma naannoo ishee jiru fakkaatti Nama yoo argite nama, Bineensa yoo argite bineensa.
  3. Gaarrarraan Amala dhokataa ta’e tokko lama qabdi inni tokko waan argite fakkaachuun jiraachuu dandeessi. Fknf Gaarrarraan lafa dhoqqee keessa yoo jiraatte carraan mullachuu ishee xiqqoodha .
    Akkasumas, Yeroo wantoota garagaraa ilaaltu itti garagaltee osoo hin taane irraa garagaltee ilaalti kunis ijji ishee 360°ofirra naanna’ee waan ilaaluuf.

5.Gaarrarraan kan bifa jijjiirrattu ittiin diina ishee jalaa miliquuf yoo ta’u, baayinaan garuu gaarrarraan nyaata babaacha hin deemtu. Sababani isaa wantoonii( Ilbiisonni ) isheen sooratti yeroo dhufan bifa ishee isaanitti jijjiiruun salphumatti qabatti.
Yeroo tokko tokko immo hamma ofii isaanii itti fakkattii bira qubatan illee ni ga’u.

Argitanii, Hamma eenyummaan ishee guutuummaatti jijjiiramee wallaalamutti wallaalchifatti garuu qabdee warra isheetti siqan nyaatti!

Suuraa Gaarrarraa yeroo bifa ishee Jijjiirraattee dhokattee teessu mullisu!

6.Walumaa galatti Amala gaarrarraa irraa wanti barannu, faffakeessuu fi faffakkaachuu waan hin argine fakkaatanii ilaaluu, osoo dhagahanii callisuu, fi dhokatanii nama miidhuu dha.
Hafuurri Gaarrarraa haa ifatamu!

Bilisa Negash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *