Daldaala Garbaa
WAAN BARA ISAA GUUTUU QABSA’EEF MILKEESSEE, GUYYAA LAMA BOODA DU’AAN BOQOTE— NAMNI KUN EENYU .. MAAL IRRAA BARANNA?
Wilberforce(1759-1833) nama biyya Ingilizii daldala garbaa balleessuuf umurii isaa guutuu qabsa’eedha. Universiitii Cambridge galee barate. Achii ba’ees Paarlamaa biyya Ingilizii ‘House of Common’ yeroo seenu, hunduma keessaa umuriin xiqqoo ture. Kaayyoonkoo inni guddaan milkaa’ina dhuunfaa argachuuf ture jedhe. Sababa haasaa miidhaksee haasa’uu danda’uuf nama beekamaa(Political Celebrity) ture. Utuu kanaan jiruu bara 1784 Kiristiyaana ta’e jireenyisaas raawwatee jijjiirame. Isa booda daldalli garbaa cubbuudha hafuu qaba jedhee amane. Garuu gaaffii isaa guddaan Paarlamaa keessa taa’anii hojii ulfina Waaqayyoof ta’u hojjechuun ni danda’aamaa? kan jedhu ture. Kanarratti hiriyyaan isaa ‘Tarii Waaqayyo guyyaa akka harraa kanaaf as si fide booda hin deebi’in’ jedhee jajjabeesse.
Bara 1787 gamtaa daldala garbaa dhabamsiisu ijaare. Isa booda Ingiliziin daldala garbaa dhaabuun akka isheerra jiru Paarlamaa keessatti yaada isa dhiyeesse. Garuu mormitoonni isaa biyyi keenya bu’aa guddaa irraa argatti, lolaa fi dhukkuba Afrikaa jalaas baafna jedhanii falman. Dhugumayyuu bara 1807 magaalaan Liver Pool qofti payundii miliyoona 17 garba irraa argatu turan.
Sababii falmii isaa kanaaf gaazexaa irratti maqaan isaa badaa ture, ajjeessuuf sodaachisaas turan kanaaf eegdotaan Socho’a ture. Akkasuma ta’ee garuu milkaa’aa ture. Bara 1796 tti dhimmicha Paarlamaatti dhiyeesse gaafa inni mo’uuf turetti baayyeen namoota Sagalee kennuu dhiisanii tikeetii tolaa waan argatanii sirba ilaaluuf deeman. Ammas utuu abdii hin kutatin itti deddeebi’ee gartuu isaa wajjin hojii uummata dammaqsuu hojjete. Fulbaana 23, 1807 ganama sa’atii 4tti harka 283 fi 16 daldala garbaa balleessuuf murteessan. Kana yeroo dhaga’uu paarlamaa keessatti gad jedhee imimmaan dhangalaase. Adoolessa 29,1833 tti Ingliziin raawwattee daldala garbaa seera ala jettee labsite. Innis kana dhaga’ee guyya lamaa booda boqote.
Ergaankoo mullata qabdan biraa hin hafinaa, Waaqayyo humna isiniif ta’a kan jedhuudha. Karaa kutaa milkaa’ina bira namni ga’e hin jiru yoo waliin dha’e malee! Waaqayyo gara Warra dhugaaf falmaniiti. Kanaaf bakkuma jirtanitti jabaadhaa! Mullata dhuunfaa ta’e kan sabaa bira ga’uuf abdiin haa sochoonu!