Dhaamsa Waldoota kiristiyaanaaf
Yeroo tokko waraabessa,leenca,qeerransaa fi bofa tahanii dhimmaa tokko irratti mari’achuuf walii galan! Isa booda utuu gara dhimma maree isaanitti hin darbin dura, amala amala isaanii walitti himatan!
(Ergaa kana imimaan lolaasaa bareessee dhugaadha! Obsaan dubbisaa)
Amaloota isaanis akka armaan gaditti himatan!
Waraabessa= “ani amala koo keessaa bakkan argetti goraa waanan deemuuf(bakka raqatti waaan goraa deemuuf ), gaafa walgahi qabnu guyyaaffadhee yoon dhufe dhiifama naaf godhaa!” jedhe
Qeerransa= “jireenya koo keessatti aarii waanan hin jaallanneef,adaraa keessan jecha dubbatanii nan aarsinaa” jedhe
Leenca= “ani mootii keessan waanan taheef adaraa awwaara natti hin kaasinaa.qulqullinakoo eeggachuu waanan barbaaduuf” jedhe
Bofa= “Yoo anarra ejjette na du*a waan taheef yeroo deemtan miilla keessaniin anarra ejjechuu irraa of eeggadha” jette
Kana hundumaa irratti erga waliif galanii booda waraabessi akkuma amala isaa sana Guyyaa tokko walga’ii guyyaafatee dhufe! Isa booda hundumti isaani aaranii eeguu jalqaban!
Leencis mootii isaanii waan taheef waraabessaan akkas jedhee gaafate. “Hamma kana Eessa oolte dhufte? Maaf walga’ii guyyaafatte?”jedhe. Waraabessis “Amala koo isinitti himeera;Ani bakkan argetti goreen Waanan argadhe nyaadha;Amma immoo Qeerransaa #tortortuu wayiin argeen ishee nyaachaa oole” jedhe.
Kana boodaa qeerransi immoo aarii waan jibbuuf nan aarsinaa jedhee ture mitiree? Utaalee “eenyu abbaakeen akkas jetta?” jedhee warabeessa qabate! Lafarra wal gangalachan. Utuuma wal gangalchanii Leenci immoo awwaara natti hin kaasinaa jedhee ture mitiree? Awwaarris leencatti erga kahe! Innis iji isaa awwaraan makamee lafa arguu dadhabe ture bofa irra ejjetee Ajjeeese! Jedhama!
Bakka raqaatti gorte waan gadhee soorachuun waraabessi, Tokkummaa isaanii hanga lubbuu dhabuutti geesse!
Dhaamsakoo
Waldaan kiristaanaa walii galtee maalirrra jirti?
Har’as waldaa kiristaanaa keessatti Fayyineerra jechaa warri bakka raqaatti fiigaa oolan Amantoota waldaa kiristaanaa karaa irraa gara duhaatti geessaa jiru!fayyuun keenya afaanin miti! Jireenyaan mulachuu qaba.
Yaadni geggeessitoota fi amantoota baayyee Akka waan bakka raqaa turanii fakkaata! Wanti bakka raqaa turee waldaa kristaanaa Geggessuuf arraba saaqqatu kamuu dhaloota Mancaasa! Eenyuyyu hoolota waaqayyoo kanaan itti gaafatamummaa qaba! Barumsi sobaas geggeessaan sobaas dhalootaaf balaadha!
Kanaaf waaqayyoo waaqa araaraadha jechaa bakka raqaatti deddebinee cubbuu hojjechuun waaqayyoon garaa baruu keenya agarsiisa!dhugaadhas waaqayyoo waaqa araaraadha! Garuu qalbii jijjiirannaan jira jedhanii Jireenya waraabeessa jiraachuun Gaariidha obboloota koo?
ani qalbii jijjiirannaa dhugaatti nan amana! Kun qajeelfama waldaa kiristaanaa wanna taheef anis nan jaalladha!kaayyoon kristoos duheefis kanimaaf! Barumsa cubbuun fi qalbii jijjiirannaan hinjiru jedhus na morma! Cubbuun jira! Garuu nama amane irratti gooftummaa hinqabu
Garuu qalbii jijjiranna abdatanii jireenya Waaqayyoon gaddisiisuu jiraachuun gaarii miti! Aarsaan lammaffaa dhihaatu hinjiru! Qalbii jijjiirannaa amalaa sana dhiisnee, qalbii jijjiirannaa isa dhugaatti ha deebinu saba waaqayyo! Afaanin miti! Garaa kutannee cubbuu irraa hafuura Waaqayyoon bilisa baanee ha jiraannu! Hafuurrii waaqayyoo cubbuu irraa bilisa baasu dandaha!
Ofiikoof yaaddoo kamuu hinqabu! Dhugaa macaafa kanatti nan amana!
Cubbuu jalaa luba baatanii, hojjetaa qajeelinaa taataniittu.”
— Rom. 6:18
Amantoonni keenya Dafinoo hanga sanbata duraatti (guyyaa 6)cubbuu laaqanii sanbata guddaa qofa waldaa deemanii Qalbii jijjiiratu!
Wal ajjeeesaa,Wal hamachaa,Gubboo nyaachaa,Dhugaatiin of mancaasaa,Daarii dhiibaa,Haadha,hiyyeessaa saamaa,Hataa,Ejjaa…. Kana hundumaa ija jabinaan hojjechaa Ammas dafinoo hanga sanbata duraatti deebihanii cubbuu laaquu! Ammas sanbata deemanii waaqayyoo kadhatu! Ammas dafinoo hanga sanbata duraatti akasuma godhu!….. torbee torbeen….
Geggesitooti amala akkasiin guutaman saba waaqayyos amala akasii leenjisu! Ofii isaaniif maal akka godhan waan beekaniif Dhuguma namni qajeelummaa kristoosiin mo’amee jiraataa jedhaniis hin yaadan!
Mee macaafni Qulqulluun maal jedhaa ha jennu adaraa!
Ibr. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁶ Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee, jaallannee beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu si’achi hin jiru.
²⁷ Firdiinii fi ibiddi hinaaffaa, inni warra Waaqayyoon morman gubu garuu, sodaadhaan eeggatamaa jiru.
Waaqayyoo akka namaa miti waaqayyoo araara qabeessadha! Garuu jireenyi keenya maal fakkaata jedhaa qoraa of ilaala! Wangeelli lallabaa jiru Cubbuu hojjechuuf karaa saaqaa waan jiru fakkaata! Dhugaan badeera! Hundumtuu aannan dhuguu barbaada malee lafee namni nyaachuuf ilkaan biqilche hinjiru!
“Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuudhaan xuraa’ummaa biyya lafaa duraa baqatanii erga ba’anii, deebi’anii ittiin qabamanii yoo mo’aman, akki isaan itti jiran inni booddee isa duraa irra in hammaata,”
— 2Phe. 2:20
Saba waaqayyo jireenya Kristoos keessaa ha jiraannu adaraa! Dhiisaa maaloo wanta waaqayyo hinjaallanne hojjechuu!
Namoonnii waldaan kiristaanaa isinitti kennames dhaloota kana jaalaalan gorsaa deebisaa! Dhaloota kana dheekkamuun fi itti iyyuun gatii hinqabu! Jaalalan mo’aa! Yaada dhaloota kanaa haasofsiisaa beekaa! Kanaan ala isinuu barumsa sobaa caalatti dhaloota kanaaf summii taatuu! Isa kanaaf dheekamsa ofirratti fiddu! Yeroo dubbattan akka afaan kristoos taatan hindagatinaa! Kristoos immoo jaalala waan taheef jaalalan nama jilbeenfachiisa!
Yoo dhalootni beekumsaan isin bira darbes aartanii hin cabsinaa! Gorsaa waa wal barsiisaa! Ofii keessanis akkamitti akka jirtan of ilaalaa! Gaafa dubbattanis namoonni lafee sooratan akka jiran yaadaa dubbadhaa!
Ibr. 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Namni aannaniin jiraatu immoo, mucaa waan ta’eef, akka itti Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin hubatu.
¹⁴ Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’anii ti; warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda’u.
Geggeessitootnis Saba waaqayyo kanatti,sabni waaqayyos geggeessaa kanarratti xiiqii hin funaaninaa! Hundumaa jaalalaan xumuraa!
Ani kristoos keessatti Qajeelaadha!
Dhiiga holichaanis cubbuu irraa bilisa baheera! Nama akkasii akkan tahee hubachuuf immoo ija ani ittiin kristoos keessatti of arge qabaachuu qabda!
Yoo Waaqayyo jedheef dhimma waldaa kristaanaa kana ilaalchisee barumsa gabaaba yeroo dhihootti waliin barannu qabna! Fuula Facebook koo follow godhaa hordofaa
Bareeffamaa kana imimaan lolaasaan bareesse dhugaadha! Ergaa kana waldoota kam naaf qaqqabiisaa adaraa! Isin jaalladha.
kutaa 2ffaa
wantoota amantoota rakkisan keessaa muraasni:
1.amantootuma Warra macaafni hin galleef!
Namoonni baayyeen kan isaan barsiisaa sobaaf harka Kennaniif inni guddaan sababa kanaadha! Kitaabni nama dhunfaa iyyuu salphaatti namaaf hin galu! Dhugaan macaafa Qulqulluu kitaaba biyya lafaa namni dhuunfaa barreesse miti kan salphaatti namaaf galu!dubbii sagalee waaqayyooti! Sammuu waaqayyoo isa guddaa keessaa burqee barreeffame! Hafuura Waaqayyoon barreffame. Qalama dhiigaa Qulqulluu jedhamuu kan fa’nnoo irraa roobeen barreffame.
kanaaf Jecha Namoonni baayyeen macaafa beekuu hubachuu jiru! Waanuma waldaatti deddeebi’aniif macaafa hin hubatan! Bartoonni waggaa 3f ji’a 6 gooftaa duukaa deemanii Sammuun isaanii cufaa ture! Kanaaf dubbiin fakkeenyaan dubbatu isaaniif hingalu!
Guyyaa tokkoo gaafa sammuun isaanii ifef garuu altokkicha kumaataman dhaloota mootummaa waaqayyoof qopheessan!
“Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.” — Luq. 24:45
Kanaaf Amantoonni kan isaan bakka arganitti akka argan jiraataniifi waan argan keessa jiraataniifis rakkoon isaa innii guddaan macaafa hubachuu dadhabuu isaaniiti! Maaloo Amantoonni waldaa kristaanaa dhugaa macaafaa kana akka hubattaniif waaqayyoon kadhadhaa! Kanaan ala bineensa hamaan nyaatamuun keessan shakkii hinqabu! Adaraa macaafaatti of kennaa!
2.Namoota information lallaban!
Jalqabumayyuu wangeelli transferring of information osoo hin taanee transferring of resurrection dha! Isa kanatu oduu gaarii jedhama! Namoonni macaafa waan hubatan fakkaatanii oduu namaa sammuutti guuranii lallabanis Amantoota waldaa kiristaanaaf summiidha!
Isaan yaada dhaabbata hinqaban! Gaggalagaloo waan tahaniif waanuma namarraa dhaga’aniifi waanuma namni jedhe hojiirraa oolchuuf fiigu! Fageessanii dubbii macaafaa hubachuu irraa waanuma namni “kun sirriidha” jedhe fudhatanii sabatti achi bahu!
Yoo namni dhageetti qabuufi hordoftoota heeddu qabu tokko isaan waa barsiisees sababa beekamtii namicha sanaaf jecha dubbiin isaa akka waan 100% dhugaa taheetti amanu! Isaan kun yaada waliin dhahamaa qabu! Amantoota warra dubbii macaafa hin hubannee sila dubannee barbaadan godhu!
Waltajjii tajaajilaa argachuuf nama jala gugguufu! Ergaan isaanii siluma hirkataa waan taheef iddoo hundumaatti fulful jechuu baayisu! Isaan akkasii bakka Isaaniif malu illee hinbeekan! Dhugaa macaafa fageessanii hubachuurra waanuma jedhame fudhatanii “na argaa na argaa” jechuun maraatu! Ergama isaanii dhaabbatanii hin ilaalan! Wangeelli waan isaaniif galeef miti kan lallaban! Wangeelicha buddeen biyya lafaa godhatanii ittiin jirachuuf malee!
Isaan akkasii kun “waa’ee koo waaqayyo fi namnis maal jedhaa laata?” jechuu hinbeekan! Isaan kun jiraachuuf jecha garee tokkotti hirkatanii jiraatu! Buddeen isaanii jalaa waan hiratuuf sodaa qabu. Warra akkasiin waaqayyoo maal jedha laataa?…..
Gal. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁸ Haa ta’u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba’e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ‘ta’u!
⁹ Akkuma ani kanaan dura dubbadhe, ammas immoo keessa deebi’ee nan dubbadha; eenyu illee wangeela isa isin fudhattanittii kan gargar ba’e yoo isinitti hime, #abaaramaa haa ta’u!
Ani utuu ergamaan macaafa dubbateellee xiinxalee fudhadha malee callisee sirriidha hin jedhu! Sababnisaa ergamoota waaqayyoo fakkataanii,Barumsaan dhuubamanii,Beekmatii qabatanii,Jaallatamummaa argatanii,…fkk tahanii dubbii waaqayyoo na dogoggorsu dandahu! Kanaaf waan hundumaa dhugaadha jedhanii fudhatu! Kanaaf dhugaan immoo information walirraa guurree lallabna miti. Macaafichi lafee namaa seenuu qaba! Yoo dhugaan namaaf hingalle callisanii waa madaaluun caala!
Namni nama macaafa hubachuu gaarii miti jechaa hinjiru ! Garuu ilaalanii macaafa dubbisuun gad fageenyaan hubachuu gaariidha! Sababa kanaaf Jecha barumsi sobaa bakkeerraas tahe waldaa keessa kahee dhaloota mancaasaa jira!
Barumsa sobaa Jecha barumsuma sobaa kan barsiisaan iddoo aarsaarra waan guutaniif waldaan kiristaanaa bakka jirtanii walii keessan ilaalaa! Saba waaqayyo kana mancaasuu waan dandeessaniif of eeggadha! Waaqayyo saba isaa irratti eenyuun hin dhiisuu of eeggadha! Innumti isin lallaba dhugaadha Kan keenya dhagahaa malee jechaa jirtan sunuu sirrii tahuu dhiisuu malaa of ilaala jechuukooti Yesus akkanni fannnifamu kan godhe luboota mana Qulqullummaa dha!
“Luboonni warri angafoonni, guutumaan yaa’ii warra Yihudootaas, akka ittiin Yesusin #ajjeesaniif, amansiisa sobaa isa irratti in barbaadu turan.”
— Mat. 26:59
Philaaxos Geggeessan biyyaa illee inni waa’ee yesus hin hubanne Anoo isarratti badii tokko hin agarre jedhe. Lubboonni iddoo aarsaa irraa amantoota biratti jaallattamummaa qaban immoo akka innii fannnifamuuf ariifatanii seera sobaa irratti funaanan! Har’as kristoosiin waldaa keessa arihaa kan jiran warra alaa ol seenan miti! Warruma mana keessa jiraniidha! Of eeggadhaa adaraa!
Waldaan kristaanaa har’as bakka jirtanii of eeggadhaa! Ani Waldaa kristaanaa keessatti cuuphamee guddadhe! Kanaaf hanga lubbutti kristoos na qabsaha! Fayyina koo irratti shakkii tokko hinqabu! Sodaas qabaadhe hin urgufamu! Arraba koo irra miti;Sagalichi lafeekootti galeera kanaaf Haala naaf mijateen kristoosiin naa labsa! Hangan bakka guddaa tokko argadhutti immoo unkaramuu saba waaqayyo ilaaluun natti tolu dide! Kanaafan ishee kana isiniif maxxanse! Itti fufee dhimma kana irratti na maxansa! Ani kaleessas har’as imimaan of irraa coccobsaa barreesse dhugaadha! Isin immoo share gochuun na deggeraa adaraa! Dhugaadha Ani wallaalaadha; Yaada keessan naaf barreessaa Humna naaf taha!
Dogoggora jiruuf na gorsaa adaraa!
kan barreesse ana Sola Bedasa
Mirgi barreessichaa eegamaadha!