The Artists’ Debate on Peace
Yeroo tokko akka Addunyaatti wal-gahii Artistoota fakkii kaasaniitu ture. Ogeessonni fakkii kaasan kun kutaa Addunyaa mara irraa walitti qabamanii wal-gahii kana irratti hirmaatu tura.
Dhuma sagantaa kanaa irratti wanti tokko ta’e. Innis, ” Namni Fakkii #Nagaa( Nagaan bifaan) maal akka fakkaatu kaase akka badhaafamu himame.
Artistoonni hedduun ogummaa isaanii fayyadamuun kaan isaanii, Nama haadha manaa isaa fi Ijoollee isaa waliin Kaaffee bareedaa keessa fi Iddoo bashannana hawwataa keessa jiru. Kaan immoo Ummata baay’ee Mooraa tokko keessatti waliin taphachaa, nyaachaa, dhugaa waliin taphatan kaasan. Garuu yaaliin isaanii kun hin mlkoofne.
Ofii Nagaan maal fakkaata?
Artistiin tokkk Simbira Kophaa ishee Galaana Walakkaa Dhaabbattee baallee ishee ol kaastee Taphattu ykn Faarfattu kan fakkaatu kaase. Achii booda akkas jedhe hiika itti kenne.
“Nagan kan jiraatu, Raafamni dhabamee dhabamee miti, kan nama sodaachisus dhabamee miti. Sibirri kun Bishaan walakkaa dhaabattee kan gammadduuf yoo Raafamni Galaanaa itti cime dhagaa jabaataa irra dhaabattee jirti; yoo dide Abdii waan qabduufidha.
Innis Yoo raafamni itti cime ni balaliiti” jedhe.
Namichi kun suura Nagaa akkasiin ibse.
Egaa nutis nagaa kan godhannu nutti toleef, nyaanneef, dhugneef , mana gaarii qabaanneef, Bashannanneefis miti! Abdiin keenya waan hin cinneefidha Akkasumas yeroo falli dhabamu akkuma Simbira kanaa Abbaa ol nu butee keessaa nu baasu waan qabnuufidha.
Jajjabaadhaa Abdii in kutiinaa!