Garmalee yaaduun maal jijjiira?
- Wantoota jijjiiruu hin dandeenye irratti yaadda’uu dhiisi.
Hagam Yaaddu illee guyyaa boruu har’atti butuu hin dandeessu - Fedhii kee beekuun nama ajaa’iba garuu, yaaddoof itti fayyadamuu miti.
Fedha kee beeknaan galma kees ni beekta. - Namoonni yeroo hunda waa’ee kee yaada ni qabaatu sun homaa miti.
Ati of beeknaan Warri kaan boru yaada isaanii jijjiiru. - Nama biraaf dhiifama godhi, nagaa fi gammachuu siif fida.
Boqonnaa sammuu qofa irratti xiyyeeffadhu. - Seenaan kee inni darbe akka si miidhuu fi gadi si buusu hin hayyamin. Rakkoolee yeroo ammaaf gara fuulduraatti haala akkanaa ittisuu danda’an irratti hojjedhu.
Kaleessi kee boruu kee jijjiiruu hin danda’u. - Yeroon wanti hundi siif guutee eegaltu hin jiru. Waan qabduun amma jalqabi.
Yeroon guutuun murtoo kee irraa eegala. - Murtoo mataa keetii murteessuuf dandeettii qabda. Itti fufii murtoo sana murteessi.
- Dogoggora hojjechuuf itti gaafatamummaa qabda sun homaa miti. Ati nama hundumaafuu gaarii yaadi.
- Dhimmoota xixiqqoo namoota biroo irraa yeroo tokko tokko bira darbuu. Wanti hundi gatii hin qabu.
- Yeroo tokko tokko tilmaamni kee dogoggora waan ta’eef garmalee of hin dhiphisin.
Ani sirriidhaa jedhii yaadi! - Sammuun kee haa boqotu, fayyaan kee jireenya keeti.
- Garmalee yaaduun dhukkuba yaala hin qabnedha.
- Xiyyeeffannaan kee dhugaa kee murteessa.” – Kuwii-Goon Jinn
- Yaadda’uun akka liqii hin qabne kaffaluuti.” – Maark Tweeyn
- “Jireenya gammachiisaa jiraachuu yoo barbaadde, namoota ykn wantootatti utuu hin taʼin, galma tokkotti hidhi.” – Albart Aayinstaayin
- “Akkuma garmalee yaaddutti hubachuun kee xiqqeessa.” – Habeeb Akandeetti
- “Yaaduun akkas godha malee wanti gaariinis hamaan hin jiru.” – William Shakespeare
- “Yeroo baay’ee namoonni dargaggoon qaxalee ta’an tarkaanfii itti aanauf garmalee yaaduudhaan jireenya isaanii kan balleessan yoo ta’u, warri dullooman immoo ija cufatanii fiigicha kana injifatu.” – Betany Birubank
- Garmalee yaaduun si’a lama akka rakkattu si taasisa.
Tokko yaaduun gahaadha. - “Boru maal fiduu akka danda’u yaadda’uu dhiisaa. Waan toʼachuu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. By Bilisa Negash