Guyyittii ishee dhumaa
Saafela waggaa 17 yeroon ture, barreeffama akkana jedhu bakka tokkottin dubbise, ‘…Tokkoo tokkoo guyyootaa akka waan guyyaa jireenya kee isa dhumaa ta’eetti yaadaa yoo jiraatte, guyyaa ta’e tokko sirrii taata!’ Dubbiin kun baay’ee waan natti toleef waggoota 33 darbaniif ganama hunda yeroon hirribaa dammaqu, of-ilaalee dura dhaabadheen akkana jedhee of gaafadha, ‘…Guyyaan har’aa guyyaa jireenya koo isa dhumaa otoo ta’ee hojiin har’a hojjedhu kanan hojjedhaa?’ Guyyoota itti aananiif deebiin koo, ‘Lakki!’ kan jedhu yoo ta’e waan ta’e tokko jijjiiruu akkan qabutu naaf gala. Dhihootti akkan du’u yaadachuun wantota jireenya koo keessatti murtoowwan gurguddoo akkan murteessu na gargaaran keessaa isa tokko. Sababni isaas, hunda jechuun ni danda’ama, wantonni alaa eegnu hunduu, ulfina keenya wanti jennu, sodaan kufaatii, sodaan salphinaa, isaan kun hunduu du’a duratti yommuu dhi’aatan hurkanii baduun wantonni barbaachisoo ta’an warri dhugaan qofti bakkatti hafu. Hamma ani beekutti, akka duutu yaadachuu jechuun, yaada sodaa wantota dhabuu irraa karaa ittiin obbaafattu tooftaa isa guddaadha. Jalqabuma iyyuu bar waa hin qabduum; qullaa kee turte! Sababni itti daandii laphee keetii duukaa hin buune tokko illee hin jiru.
“…Naannoo waggaa tokkoo dura kaanseriin na qabate. Raajiin ani ganama sa’a 1:30 irratti ka’e dhiita garaa koo keessa jiru argisiise. Kaanserii fayyina hin qabne waan ta’eef, ji’a sadii hanga ja’aa caalaa jiraachuu akka ani hin dandeenye dokteroonni natti himan. Gara mana kootti deemee wantota bakka bakkan qabsiifadhu dokteriin koo na gorse. Kun agaa afaan dokterootaan, “Du’uuf of qopheessi!” jechuudha. Kana jechuun, wanta waggoota 10 keessatti ijoollee keetti himuuf yaadde ji’oota muraasa keessatti itti himu, itti himuu yaali jechuudha. Kunis waan hunda sisirreeffadhu, isaan irraa adda ba’uu kee hamma danda’ametti maatii keef salphisi; nagaa itti dhaammadhu jechuudha.
“…Miira kanaanan guyyicha dabarse. Galgala gaaf sanaa meeshaa indoskooppii jedhamu afaan koo keessaan karaa qoonqoo koo erganii mar’umaan koo keessaa seelii saampiliif ta’u fudhatan. Na hadoochaniiru. Of wallaaleen jira. Haati manaa koo akka natti himtetti garuu, dokteroonni sun seelota na keessaa fuudhan sana maaykirooskooppii keessatti yommuu ilaalan imimmaaniin dhiqatan. Kaanseriin na qabatee edaa meeqa keessaa tokko kan mudatu waldhaansa baqaqsanii hodhuun fayyuu kan danda’u ture. Waldhaansi sun naaf taasifamee amma haala gaarii irran jira. Waggoota kurnan muraasa dhufanitti kana caalaa akka inni natti hin dhi’aanne abdachaa, kun carraa ani ittiin du’atti baay’ee dhi’aadhe ture. Keessa waanan darbeef waa’ee du’aa waan ifa ta’e tokko isinitti haa himu: Eenyu illee yoo ta’e du’uu hin barbaadu! Namoonni mootummaa waaqaatti galuu barbaadan illee haala kanaan akka ta’u hin fedhan. Ta’u illee, duuti garuu galma waloo hunda keenyaati. Eenyu illee irraa ooluu kan danda’e hin jiru. Ta’uu qabas. Sababni isaas, duuti jireenya keessatti kalaqa gaarii isa dhumaati; isa moofaa qulqulleessee daandii haaraa namaaf qopheessa. Bakka bu’aa jijjiirama jireenyaati.
“…Ammaa haaraan isini. Gaaf tokko garuu, yeroo har’a irraa baay’ee hin fagaanne keessatti, suuta suuta dulloomtanii dhabamuuf jirtu. Kana jechuu koof nan gadda; garuu dhugaadha! Yeroon keenya murtooftuudha. Kana waan ta’eef, jireenya nama biroo jiraattanii hin qisaasessiinaa. …Yaada namoota biroon hin hoogganamiinaa. Yaadni namoota biroo sagalee ajaahibaa keessa keessanii kan lapheen keessan isinitti himu akka hin jeeqne of eeggadhaa. Sagaleen keessoo keessanii wanta isin dhugumatti ta’uu barbaaddan isinitti hima. Inni kaan hundinuu kana booda dhufa.
Steve Jobs bara 2005 sirna eebba barattootaa Yuunivarsiitii Stanford irratti haasawa inni taasise keessaa gabaabaatti kan fudhatame.
Bilisa Negash