Ofii Hiriyaan kee kan akkamiiti?
WARRA HIRIYAA JETTEE WAAMTU IRRATTI OF EEGGANNOO GODHI
Warri Siimson erga dhalatee kaasee iccitii cimina Siimson ni beeku, ta’us garuu nama tokkottillee hin himne (Abboota firdii 13:5).
Gaafa Daliilaan dhageesse diinota Siimsonitti himtee Siimson jilbeenfattee, ija isaa illee Keessaa baasanii garboomsan. (Abboota firdii 16:17,18)
BARNOOTA SADI:
- Jaalala keetif namni hundi ulaagaa guuta, garuu namoonni ati jaallattu hundi iccitii jireenya keetii beekuuf ulaagaa hin guutan! Sababni isaas, gariin dandamachuu hin danda’u, kaan immoo iccitii kee faayidaa dhuunfaaf daldaluuf obsuu hin danda’an!
- Diinni si balleessu, kolfaa malee billaa qabatee hin dhufu!
- Iccitii hiriyyoota keetii eeguu barachuun wal amantaa qofa osoo hin taane hiree balaa irra jira. Iccitii kee fira kee fakkaattee diina keetiif qooduu caalaa wanti balaa fi nama dhukkubsu hin ji HIRIYOOTA GAMOOTA SADI;
a.) Namoota ofitti amanamummaa qaban ( Confidants) – Hammam ulfaataa ta’us si waliin deemu. Yoo qabaatte galateeffachuu qabda - b.) Hiriyoota si waliinii ( Associates) – Kaayyoo waloo tokko galmaan ga’uuf si waliin ta’u…..yeroo baay’ee badhaasa/galma tokko si waliin dorgomu! Gosa kana irratti of eeggannoo guddaa godhaa, badhaasa sana mo’achuuf jecha gadi si dhiibuu danda’u
- c.) Jaallan( Comrades) – Diina waloo loluuf qofa isin waliin garee ta’u. Diinni erga injifatamee booda ni badu…..yeroo deeman yaadda’uu hin qabdu yeroo tokkoof achi turu waan ta’eef.