Icciitiin ‘BRICS’ duuba jiru maalidha?
Gareen biyyoota BRICS jedhamuu kora bara kanaan miseensota isaa dabaluurratti kan xiyyeeffate ta’uu beeksise. Kanaanis Itoophiiyaa dabalatee biyyoota jaha Arjantiinaa, Iraan, Gamtaa Emereetota Arabaa (UAE), Masrii fi Saawudi Arabiyaa miseensota haaraa ofitti dabaleera.
Gareen BRICS biyyoota shan Biraazil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaafi Afrikaa Kibbaa ta’uun beekamaadha. BRICS bara 2009tti Biraazil, Raashiyaa, Hindiifi Chaayinaa qabachuun kan hundaa’e yoo ta’u, Afrikaa Kibbaa boodarra itti makamte.
Kaayyoon hundeeffama garee kanaa maali? Mul’ata sagalee Waaqayyoo keessatti barraa’een wal-simaa? Mee yaada komentaateroota durii fi ammaa sagalee Waaqayyoon wal bira qabnee haa ilaallu:
“Egaa inni anatti himu sun, “Bineensi inni afuraffaan immoo, mootummaa isa afuraffaa ta’ee biyya lafaa irratti argamuuf jiruu dha; inni mootummoota hundumaa irraa kan gargar ta’ee dha, guutummaa lafaa in liqimsa, gad in dhidhiita in caccabsas. Gaanfonni kurnan mootota kudhan warra mootummaa kana keessaa ka’uuf jiranii dha; mootota kana booddees isaan irraa garaa gara kan ta’e mootiin biraa tokko in ka’a, mootota sadii gad in deebisa.”
-Dan.7:23-24
Daani’eel raajichi macaafa mul’ataa isaa boqonnaa 2 fi 7 keessatti yeroo barreessu addunyaa kana irratti mootummoonni jajjaboon afur duraa duubaan akka ka’an dubbata. Mootummoonni kun afran bineensota jajjabootti fakkeeffamaniiru.
Akka komentaateroonni duraan darban akeekanitti mootummoonni afran kunneen mootummoota kanaan dura darban mootummaa Baabiloon, Meediyaa, Peershiyaa fi Giriik jedhu. Sababoota amansiisoo fakkaatan hedduus dhiyeessu.
Komentaateroonni ammaa yaada ho’aa kennaa jiran ammoo, BRICS bineensicha isa afraffaa gaanfa kudhan qabu Macaafa Raajii Daani’eel keessatti eerameedha jechuun wal harkaa fuudhaa jiru. Kanas sababa malee akka hin dubbanne eeru. Akka Raajichi barreessetti mootummaan kun mootummoota kudhan kan of keessatti haammatuuf humna guddaa kan qabaatuudha.
Akkasuma BRICS jalqaba mootummoota biyyoota afuriin hundaa’ee boodarra Afrikaa Kibbaa haa idaa’atuyyuu malee kora isaa ammaa kanaan biyyoota jaha dabalachuun gara biyyoota 11 tti ol guddateera. Gaanfonni duraan turan 10 akkuma jirutti ta’ee gaanfota kana jidduudhaa gaanfi xiqqaan ija qabu, akkasuma dubbii gurguddaa dubbatu biqileera. Kun ammoo gaanfota jiran gara gaanfa 11 tti kan ol guddisuudha yaada jedhu eeruun biyyoota 11 walitti dhufan kana mul’ata kanaan wal qabsiisaniiru.
Biyyoonni 11 kunneen faallaa Ameerikaa fi Isiraa’eel kan dhaabatan yoo ta’an, mootummoota gurguddoo addunyaa kanaa waliin gaarreeffatanis ta’u. Gareen mootummootaa kunneen anatu caalaa irratti waliin haa gaarreeffatan malee ergama bineensichaa fiixaan baasuu irratti garuu ejjennoo tokko qabu. Tibba darbe Sawud Arabiyaan waliigaltee waggaa 7 Isiraa’eel waliin waan mallatteessiteef, waliigaltee kana booda ammoo dhiibbaan Ameerikaa waan jiruuf garee kana keessaa foxxoqxee akka baatus akeekaa jiru. Waliigalteen waggaa 7 kunis mul’ata Daani’eel keessatti caafameera.
“Inni utuu jiruu waggaa torbaaf namoota ciccimoo wajjin kakuu isaa in jabeessa; waggoota sana erga walakkeessee immoo qalmi, kennaan midhaaniis akka hafu in godha; wanti jibbisiisaan nama rifachiisu sun mataa iddoo aarsaa gar tokko irra kaa’amuuf jira; kunis hamma badiisi murtoo ta’e isa diigamuu fidu sana irratti dhangalaafamuutti in tura” jedhe.”
— Dan. 9:27
Gama kaaniin waliigalteen waggaa 7 kun ajandaa 2030’f waggaan torba utuu hafee jiruuti kan raawwatame. Biyyoonni guddanne ofiin jechuun ergama bineensichaa fiixaan baasuu irratti argaman mootummaa bineensichaa “New World Order” kan bara 2050’tti hundeessuuf xaaraa jiran waggaa digdamni yeroo hafutti jechuun 2030’tti galma isaanii isa guddicha akka tuquu qaban murteessuun irratti hojjechaa jiru. Galmi isaanii kunis sadoomummaa guutuu addunyaatti fudhatamaa taasisuu, mirga dubartootaa daran ol kaasuun dhiira aangoo irraa fageessuu (kanas dubartoonni/Hewaanonni jalqabatti addunyaa seexanaaf waan kennaniif beenyaa isaanii deebisuu akka ta’etti ilaalu), badhaadhummaa ilmoo namaa daran ol kaasuun hiyyuma balleessanii dhalli namaa akka-feetee akka jjraatu taasisuudha.
Hundeen kanaa ammoo badhaadhina (Prosperity) isa jennu mirkaneessuudha. Muummeen Ministeeraa Itoophiyaa BRICS tti makamuu ilaalchisee yaada fuula “Facebook” isaanii irratti laataniin “Yaa’iin Hooggantootaa ‘BRICS’ har’a miseensummaa Itoophiyaa raggaasiseera. Kunimmoo biyya keenyaaf taatee seenaati. Itoophiyaan sirni addunyaa badhaadhaa hunda haammataa ta’e akka jiraatu hunduma waliin hojjechuuf yeroo kamiyyuu qophooftuudha” jechuun barreessaniiru.
Gabaabatti katabbii isaanii kana keessaa “sirni addunyaa badhaadhaa hunda haammataa ta’e” isheen jettu kun ajandaa 2030 fi 2050 ta’uun ifaadha. Galmi bineensichaa badhaadhina hunda haammate kan addunyaa guutuu hoggansa tokko jalatti bitu ijaaruudha. Maqaa fi galmi mootummaa Itoophiyaas kanuma irratti ijaaramee adeemaa jira.
Itoophiyaan biyyoota kanatti makamuudhaaf dinagdeen ishee qaqqabeeti moo maalif? Deebii gabaabaan miti! Itoophiyaan biyyoota 11 kanatti kan makamteef ergama bineensichaa biyyoota Afrikaa keessaa qixxee Gibxii fi Afrikaa Kibbaa hojjechaa waan jirtuufi.
Walumaagalatti BRICS kan ijaarameef maqaa badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu jedhuun dhufaatii Mormituu Kristoos isa guddichaaf karaa qulleessuudha. Ammuma irraa eegaluudhaan mootummaan BRICS kan hundaa’e yeroo ta’u, maallaqaa fi amantaan isaa ammoo bocamaa jira. Kun hundumtuu mootummicha hamaa sanaaf dhaloota mijeessuun haala qaqqajeelchuudha. Mallattoon ija tokkichaa alaabaa Hindii irraa mul’atu kan akka ta’utti itti yaadamee loogoo BRICS jidduu ka’ames ilaalcha gaarii Illuuminaatootaaf isaan qaban irraa kan maddeedha.
Xibaara kana garas inni dhaabate garuu ilmi Waaqayyoo jira. Inni duubaan dhufu kun bineensicha hamaa kana lafatti hin dabala. Mootummaan qulqullootaa akka diriiruufis battalatti haala ni mijeessa. Qulqulloonni isaa ammoo isa waliin mo’uuf jiru.
“Mootummaan, mo’uun, guddinni mootummoota guutummaa bantii waaqaa jala jiranii, saba warra isa hundumaa gararraa jiruuf qulqullaa’aniif in kennama; mootummaan isa hundumaa gararraa jiruu, mootummaa bara baraa ti; warri mo’an hundinuus isa in waaqessu, isaafis in abboomamu” jedhe.
— Dan. 7:27