Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

SEENAA

who was the Priest of Growth himself?

Namoonnii tokko tokko waan biyya lafaa kana malee jedhaniitu Waaqayyoon dagatu, kaan ammoo waa’ee hafuuraa malee jedhanii akka biyya lafaa keessa jiran dagatu. Lachuun isaanii sirrii miti. Lamaanuu nu ilaallata waan ta’eef waliin madaalchisuu qabna jedhu Lubi Guddinaan. Bara lubni Guddinaa barumsaaf gara Ameerikaa dhufan 1960 fi 1970 gidduun seenaa biyya lafaa keessatti yeroo jijjiiramni jajjabaan itti ta’aa tureedha. Fakkeenyaaf, as Ameerikaatii wal-qixxummaa adii fi gurraachaa irratti Maartiin Luuter King faa sochiirra turan. Afrikaa Kibbaatii Maandeellaanfaa appaartaayidii balleessuuf tattafataa jiru. Sochiin barattoota Itoophiyaa inni Haayila Sillaasee teessoorraa kaase geggeeffamaa jira

ofii Lubni Guddinaa eenyu turan?

Bara itti biyyoonni Afrikaa baay’een kolonii jalaa ba’anii, Afrikaan namoota isheen geggeeffamuu jalqabdedha. Akkasumas yeroo itti ‘socialism/
communism’ addunyaa kanarratti babal’ataa jiru ture. Lubni Guddinaan kana keessa dhufanii Luther Seminary tti baratan. Haalli addunyaan yeroo sana keessa qaxxaamuraa jirtu warra ‘theology’ baratuu fi qoratu irrattis dhiibbaa guddaa fide. Ameerikaa Kibbaatti #Liberation #Theology biqiluudhaaf madda kan ta’es kana. Yaadni isaas Wangeelli nuuti lallabnuu fi Kiristaanummaan keenya bilisummaa foonii dagachuun irra hin jiru. Akkasumas cunqurfamaaf kan falmu ta’uu qaba jedha. Lubni Guddinaan ammoo # Wholistic # Theology kan jedhu maddisiisan. Nama hafuura isaa qofa miti guutummaa isaa tajaajilu qabna kan jedhuudha. Kun har’as barsiisa Waldaan Makaana Yesuus Itoophiyaa hordoftu ta’ee itti fufee jira. Kanaaf, tajaajilli luba Guddinaa waan bal’aa irratti xiyyeeffatee ture.

Lubni Guddinaan Luba Waldaa Kiristiyaanaa qofa miti goota Saba Oromoo ti. Lubni Guddinaan goota Oromoon beekee kabaje keessaa isaan tokko. Mirga sabaaf dubbachuu, amantii isaanii ammoo fakkeenyaan jiraachuun yaadatamu. Haati warraa isaanii Addee Tsahay Tolasaas akkasuma sabaaf hojjechaa ittis hidhamaa turan. Nama muraasan itti dabalamee. Abbaan keenya Onesimoos Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu qofa utuu hin taane afoola Oromoon qabu walitti funaanee Gannoo Salbaan[Aster Gannoo] waliin maxxansanii jiru. Lubni Dafaa Jammoo hog-barru Oromoof gumaacha guddaa godhan. Lubni Tasgaraa Hirphoo Macaafa Qulqulluu hiikaa haaraa irratti waggoota hedduuf hojjeta turan. Har’a isa dubbisaa jirra. Maqaa Oromoo, Geerarsa Oromoo fi Mammaksa Oromoo walitti qabanii maxxansaniiru.. Obbo Leencoo Lataa ilma luba Lataa Waaqayyooti. Dr Kuwee Kumsaa intala luba Kumsaa Borooti. Dr Nagaasoo Gidaadaa ilma luba Gidaadaa Soolan. Eebbaa Maatiwoos ilma luba Maatiwoos Ciibsaati. …Itti dabaluu dandeessu. Isaan kun saba Oromoo fi darbees Itoophiyaaf hojjetan malee Waldaa Kiristaanaa qofaaf hin turre.

Kanan jechuuu barbaade, amantiin keenya saba keenyaaf akka hojjennu nu godha malee akka moggaa dhaabbannee ilaallu nu hin godhu. Ragaan ammoo namootan armaan olitti caqaseedha. Isaan kun biyya guutuuf hojjetaa turan. Akkas jechuun hundumtuu geggeessaa siyaasaa haa ta’u jechuu miti. Kaan yeroo geggeessu kaan ammoo ni hordofa. Gootota angafoota keenya ilaallee gaarii dubbachuu, gaarii gochuu akkasumas namoota har’a hojii gaarii hojjetaa jiraniif kabaja kennuun ta’uu qaba. Arraba keenyaan waan dubbannuu fi quba keenyaan waan barreessinu eeggachuuu qabna. Nama bor goota ta’ee ol ba’uu malu har’a akka hamilee hin cabsine eeggachuu qabna. …
Goototni kaleessaa fi kan har’aa, eebbifamaa!!

Bilisa Negash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *