Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

GORSA

Maaltu Jireenya barbaaadde jiraachuu irraa si dhorka?

  1. Hagam dheebotu illee, xoofoo siif dhiyaatu hunda keessaa hin dhugin.
    Yeroo tokko tokko, summiin dhugaatii kabajaa fi mi’aawaa ta’ee dhihaata. 2.Akkasumas hammuma ati namootatti of dhiheessitu carraan isaan akka nama salphaatti si fudhatan guddaadha.
  2. Yeroo ati barbaaddetti namoonni gatii kee akka hubatan hin godhin; Yeroo barbaachisaa taʼetti akka hubatan taasisi.
  3. Waldhibdee balleessuuf yeroo hunda miiraan qophaa’aa ta’i.
    Bilchinni kee kan ibsamu, yaada fi amantaa kee bilisaan ibsuudha.

6.Miira tasgabbii dhabuun qormaata ykn rakkina sitti dhufe tokko akka dhuunfaatti hin fudhatiin hunduu rakkina mataa isaa qaba.

6.Dhiphinni kee irra caalaan isaa akkaataa jireenyi jiru utuu hin taʼin, akkaataa ati deebii itti kennitu irraa akka maddu yaadadhu.

7.Namoonni waan jedhan haa dubbatan.
Tokkoon tokkoon fi waan hundumaaf deebii kennuu fi dhiisuun filannoo kee ti.

8.Amanamaa ta’i malee baay’ee hin amanatiin.

9.Gaarii namoota keessa jiru arguun waan guddaadha. Haa taʼu malee, of eeguuf daangaa kee kaaʼuu kee mirkaneessi. Namoota kaan irra fudhatama argachuu hamma barbaaddu, ofii keetiif fudhatamaa fi bakka dhabda.

10.Irra deddeebitee hariiroo hin taane keessatti yoo of argatte ykn namaan waliigaluu yoo dadhabde namatti hin aariin of ilaali! kana jechuu kootiif dhiifama si gaafadha, garuu badii kee ti.Namootaaf amala kee ibsuun of barsiisi.

  1. Wanta jireenya barbaadde jiraachuu irraa si dhorka jettee yaaddu kamiifuu gonkumaa eeyyama ykn aangoo ofii kee irratti hin kenniifiin. 12.Namoonni si amanuus, amansiisuus hin qaban. Ofitti amanuu kee qofa irraan kan ka’e hunduu si hordofu . Namoota irratti dhiibbaa uumuuf kakaasuu qabda; Garuu, ofii isaanii akka hubatan eeyyamiif kunis waan ati jetteef osoo hin taane waan ofii isaaniif yaada kee hubataniif si haa dhaggeeffatan.

13.Dhugaa nama amansiisuuf hin yaaluun, dhugaa namni wallaale tokko illee hin jiru. Nama beekee dhugaa irraa baqatu dhugaatti fiduun ulfaataadha.

  1. Jireenya kee keessatti eenyuma ilaaltee hin adeemiin! mataa kee fi mullata kee faana abjuu kee hordofi… karaan galma kee dhugaatti si geessu asirraan jira.

15.Bara jiraattu keessatti eenyummaa jijjiiramu hin qabaatiin!
Argachuun, dhabuun, sooromuun , hiyyoomuun eenyummaa kee ganamaa jijjiiruu hin qaban.

Barreessaan Bilisa Negash
Keep following me on
Website: Bilisaneg.com
Facebook Bilisa Ne.
Instagram: billianef
Twitter: bilisa negash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *