Mark Tiwaayin
Addunyaan kun Hayyoota jechoonni isaanii fuula dachee kanaa jijjiiran hedduu qabdi. Wanti baay’ee nama ajaayibsiisu immoo warri akkasii kunis warri kanuma iyyuu dubbisee hubachuu hin dandeenyes qixuma namummaa dhugaa qabaachuu isaati!
Odeeffannoo seenessa keenya har’aatiin Seenaa,
Mark Twain (1885_1910) barreessaa kennaa guddaa qabu, haasawaa onnachiisoo taasisuu nama danda’u fi nama qoosaa beeku ta’uusaa hojii isaa keessaa nii calaqqisa. Akkuma barrefamootni isaa jaallatamaa deemaniin beekamtiifi fudhatamni inni Ameerikaatti qabu dabalaa dhufe. Yeroo sanatti Ameerikaan biyya reefu hundeeffamtu ta’uu irraan kan ka’ee Aadaa himattu hagas mara waan hin qabneef Awuropaanonni maqaa masoo warra Fokkisoo jedhanii waamuun isaanii kan baratame ture.
Mark Twain yeroo beekamtiin isaa guddatu gara biyyoota garaa garaa deemuun dhaggeffatoota isaa dandeetti qabuun afaan qabachiisaa ture. “Paarisitti yeroon afaan Faransayiin haasa’u afaan bananii ana dhaggeeffatu ture. Gowwoota sana akka isaan afaan isaanii hubatan gochuu irratti naaf milkaa’ee jira” jedha. Namni kun kan inni guddate Hannabil, Missoritti yeroo ta’u bakka kanatti ture hojii isaa gurguddo lamaan “Huckleberry Finn” fi “Tom sawyer” jedhu kan eegale. Hojiiwwaan akka wiirtuu Gaazeexaaf Tayippii sirreesuu, Piriintera irra dalaguu , Doonii oofuu fi Warqee baasuu hojjetee jira. kana hundaa dhiisuun xiyyeeffannoo isaa Gaazexeessumaatti naannesse. Yeroo kana ture kan inni Addunyaa barrefamaatti seene.
Ogummaa isaa addunyaa barrefamaa kan isa sooromse yoo ta’eyyuu isa dhiisuun fuula isaa gama Investmentiitti jijjiruun isaa hiyyumaa itti fide. Bu’aa barreeffama irraa argateefi dhaala haadha warraa isaa gara investimentiichaatti dhangalaasus, Maallaqa xiqqoo kan inni irratti baasee maashinii Taayippii qofaatu xiqqoo abdachiiseen ture. Mashinichii bu’aa kan argamsiisu ta’ullee ammaa ammaa waan cabee hammaateef gabaa inni gama sanaan qabus jalaa kufe. Rakkoo maallaqaa isa quunname kana irra kan inni dandamatee gargaarsa nama maqaan isaa Henry H.Roggers jedhamuun ture.
Sanaan booda suuta waan kasaaraa isaa irraa dandamachuun gara barreffama isaatti waan deebi’eef liqii isaa cufa offirraa baasuu danda’eera.
Mark Twain jechamoota isaanis ni yaadatama. Jechoota isaa keessaa muraasa waliin haa ilaallu!
1) Dhugaan gati jabbeessa; Kanaaf kunuunsi!
2) Sammuu ofi qaroomsuun hammam baay’isnee waa’ee keenya akka yaadnuufi dhimma nama biroo ammoo baay’ee akkaa dhimma itti hin qabne mul’isuuni.
3) Jireenya keessatti waan nu barbaachisu dhimma qabaachuu dhiisuufi ofitti amanamummaa qabaachuudha; Milkaa’inni haala kanaan ofiin dhufa.
4) Midhamuu yoo barbaadde hiriyaafi diinaa kee waliin hojjechuutu si barbaachisa. Yeroo dinni kee maqaa kee xurressu hiriyaan kee ammoo akka dhufee siif himuuf.
5)Wantootni xixiqoo hedduun kan isaan guddatan beeksisnii sirriin hojjetamuuniifi.
6) Akka gowwaa turteettis ta’u akka miseensa koongireesii turteetti of yaadi. An garuu waanan sitti himu ofii kiyya akkan turetti.
8) Addunyaa keenya irratti gootummaan cimina qaamaanii baay’inaan jira. Gootummaan sammunii garuu yartuudha.
9) Odeesitee waa’ee kee shakkii namootni qaban dhabamsiisuuf ifaajuu irra Afaan kee cufachuun namootni gowwaadha jechuun akka siyaadaan gochuutu caala.
10) Yoo saree beela’ee kaastee nyaata yeroo hunda kenniteef deebi’ee si hin ciniinu. Garaagarumman namaaf saree kana.namni garuu…
11) Battalumatti gaaffii naaf deebisi jedhanii yeroo ana gaafatan natti tola; hin beeku waanan jedhuuf.
12)Namaa wajjin waldhabuu hin barbaadu. Yoo namni sun sirra hin deebi’u jedhe kabajaafi dhiifamaan fuudhee ergan bakka dhoksaan gahadhee booda nin ajjeesa.
13) Yeroon mana barumsaa koo akka inni barumsa koo waliin na jalaa maku hin fedhu.
14) Awwaalcha koo irratti hin hirmaadhu. Garuu xalayaa baay’ee bareedu duuti sun ta’uu akka qabu mirkaneessuu koo ibsu barreseen erga.
15) Dursa dhugaa jiru barbaadii argadhu; Achiin boodadha kan ati hamma itti quuftutti jallisuu dandeessu.
16) Barnootnii : ogeessootaaf ni ifa, dadhaboota jalaa immoo ni dhokata.
17) Namni Ingilizii kan inni waa dalagu hojjetee waan beekuufi; Namnii Ameerikaa ammoo kan inni hojjetu hojjetee waan hin beekneefi.
18) Yeroo hundaa badii saaxiluuf ifaaji. Kana gochuun kee warra aangoo irra jiran itti gaafatamumma irra akka darbatamaan gochuun akka ati irra caala hojjettu si godha.
19) Yeroo hundaa waan sirrii hojjedhu. Akkas gochuun kee namoota yartuu akka isaan si galatoomfatan gochuun warri hafan ammoo akka isaan si dinqisiifatan godha.
20) Baankeerii jechuun nama uffata Jaakkettii isaa yeroo aduun jirtu siif ergisuun yeroo roobni eegalu ammoo akka ati deebistuuf barbaadudha.
21) Sobni dhugaa kophee isaa keessa kaawwachuun addunyaa naanna’uu danda’a.
22) Jannata ykn si’ooliinan dhaqa jedhee filachuu hin fedhu. Sababni isaas bakka lamaan isaatiiyyuu hiriyaa waanan qabuuf.
Jaalala biyyaa jechuun biyya kee yeroo hundaa gargaaruu yeroo ta’u Mootummaa garuu yeroo inni gargaaramuu qabu gargaaruudha.
23) Iccitiin dura bu’aa ta’uu eegaluudha.
24) Yeroo yaadnikee kan argamuun ol fagaatee deemu ija kee amanuun sitti ulfaata.
Bilisa Negash