Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

Uncategorized

Ofitti Amanamummaan dubbachuuf

Wantoota 10 Dubbataa cimaa taasisan fi hin sodaaanne nama taasisan!

Dubbiin namootaa hojii isaanii caala dandeettii fi ariitiidhaan nama jijjiiruuf humna qaba.

  1. Ofitti amanamummaa: Yeroo hunda namoonni waan guddaa hojjechuu akka dandeessu fi qaamni kee miira gaarii akka qabaatan jajjabeessi.
  2. Seenaa dubbisuu : Seenaa namoota gurguddaa ykn milkaa’anaa fi Amantii kee cimsuu qabda. kun akka ajaa’ibaattu si jijjiiruuf hojjeta.
  3. Miira namaa eeguu: Afaan qaamaa ykn sagalee kee haala kamiin dubbachuu akka qabdu miira hawaasa sanaa hubattee ofitti dubbachuun booda, namootatti eenyummaa kee isa gaarii dandeettii agarsiisuu horadhu. dhuma irratti namootatti maaltu akka itti dhaga’amu hubadhu!
  4. Ijaan wal qunnamuu: yeroo hunda dhaggeeffataa kee ijaan wal qunnamuu irraa of hin qusachuu hin qabdu; namoota yeroo si waliin haasa’an ija keessa ilaaluu qabda.
  5. Dhaggeeffataa dammaqaa (Active listener) ta’i : Namoota akka waan jireenyi kee waan isaan dubbatan irratti hundaa’etti dhaggeeffadhu. Kun Namoonni sun jireenya kee keessatti akka barbaachisoo taʼan akka itti dhagaʼamu godha.
  6. Nama dhaggeeffata isaatti baay’ee dhiyaatu fakkaadhu: Namoonni akka sitti dhiyaatanitti namoota tokko tokko maqaa waamuun haasofsiisi! Kun namoota biroof mijataa akka ta’u gochuu fi namoonni biroo akka banaman gochuu irrattis qooda guddaa qaba.
  7. Gad of deebisuu: Of jajuu irraa fagaachuu fi wantoota fi oolmaa xixiqqoodhaaf guddisii galateeffachuu shaakali!
  8. Qoosaa: Haasawa keessatti qoosaa tokko lama darbachuu hin sodaatiin! Kun si’eessituu dhaggeeffattoota keeti.
  9. Nama Abdiin guutuu ta’i; Yeroo hunda maaliif wanti hundi akka liqimfamu himuu osoo hin taane , akkamiin akka baasan hawaasaaf qoodi! Dukkana jiru osoo hin taane ibsaa xiqqoon dhufnaan dukkanni baay’een akka baqatu yaadachiisi.
  10. Guduunfaa : Namoonni haasawaa keef miira gaarii akka qabaatan godhi, ofii keetiifis akka gaariitti akka sitti dhaga’amu godhi. Kanas dhuma irratti waan dogoggorte dhiifama gaafachuun fi baayyee dhaggeeffattoota kee akka jaalattu ittu himi.

Amma dubbataa cimaa taatee jirta!

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *