Seenaa Reeyinard Boonkee irraa baratama
Bara 1980 keessa namichi Harold jedhamu tokko H/W Reinhard Bonnke tajaajilaaf gara magaalaa Kimberely, biyya Leseetootti affeere. Waldaa Kiristaanaatti wangeela lallabuuf yeroon ol seenetti akka namoota 200 ta’antu jira jedhu. Waanti nama ajaa’ibu garuu dargaggeessi tokkollee waldaa keessa hin turre. Hundumti isaanii ga’eessotaa fi jaarsoliidha. Akkan tajaajiila xumureen Harooldiin dargaggoonni maaliif mana sagadaa dhabaman jedheen gaafadhe. Iddoo isaan jiran yoo baruu feete koottu sittan argisiisa jedhee na fuudhatee konkolaataan adeeme. Gamoo guddaa tokko bira ga’e nu dhaabe. Gaafa konkolaataa keessa buunu sagaleen muuziqaa gurra namaa duucha. Manichi mana dhiichisaati[Dance Club]. Lixne gaafa ilaallu hunduu waan isatti tolu hojjeta. Ni sirba, ni waca,ni dhuga! Battaluma sanatti Hafuurri Qulqulluun jireenya dargaggoota sanaa mul’ataan natti agarsiise. Akka ragadan sana osoo hin taane baay’een isaanii sodaan kan guutaman, qophummaan kan itti dhaga’amu fi nagaa dhabanii kan cinqaman ta’uu na hubachiise.
Xiqqooshee baanee ala dhaabbanne. Koottu mee ol seenne ilaala jedhee Harold. Al lama deddeebisee na kadhate. Dura nan dide.Tajaajilaa ta’ee lafa akkanaa dhaabachuun koo Waaqayyoof jibba qabaachuu kiyya argisiisa jedheen murteesse. Isa lammaffaatti garuu keessi koo akkan deemu qabu natti hime. Ol seenne erga dhaabanneen booda Hafurri Qulqulluu dhaqiitii abba qabeenya mana kanaa barbaadi naan jedhe. Nutis namicha barbaanne argine. Ani biyya Jarmaniitiin dhufe. Dargaggoota kanatti waanan haasa’u qabaatii adaraa daqiiquma shan naaf kenni jedheen kadhadhe jedhu Reinhard Bonnke. Miila kiyya hamma rifeensa mataa kiyyatti erga na ilaaleen booda tajaajilaa ta’u koo hubatee Wangeela lallabuuf dhufte yoo ta’e deemitii Waldaatti lallabi jedhee nu dhiise sokke. Osuma inni adeemaa jiruu Hafuurri Waaqayyoo anarra dhufee dhaqitii wantan dura mul’ataan sitti agarsiise itti himi naan jedhe. Achii fiigeen namichaan gaaffii tokko qofa naaf deebisin jedheen. Dargaggoonni kun waanta jireenya isaaniif ta’u asii ni argatuun jedhe. Fulli namichaa suutuma suuta jijjiiramaa dhufe. Takka gad-jedhee ittis yaade. Deebiin isaas ” Ani ijoollee ofii koo qaba. Yaada kana anis yeroo dheeraaf itti yaadeen ture. Wanti jireenya dhala namaaf ta’u tokkollee as keessa hin jiru” kan jedhudha. Yoos immoo maaloo daaqiquma shan naaf kennikaa jedheen gaafadhe. Innis haa ta’u tole! garuu har’a osoo hin taane boru saatii kana koottu naan jedhe.
Waliis gallee harka wal-rukunnee gargar baane. Sana booddee keessa kootti ani maalumti na xuqnaan daaqiiqaa shan qofa gaafadhe jedheen of ceepha’e. Waaqayyoon jabeesseen kadhadhe. ” Yaa Gooftaa ani gowwummaa koo irraa kan ka’e daqiiqaa shan qofan gaafadhe.Ati bantiiwwan waaqaa fi lafaa akkasumas waan isa keessa jiran hundumaa guyyaa ja’a keessatti uumte. Ijoollee mana keessatti rakkatan daqiiqaa shan keessatti oolchuuf humna qabda. Gowwummaan koo si hin ittisiinin” jedhe.
Yeroo keenya eeggannee borumtaa isaa dhaqne. Saatiin itti nuuf hayyamame yommu ga’u mucaa tokko irraa ka’een maayikii[sagalee guddistuu] fudhadhe. Hundumtuu ni dhuga, ni iyya, kaanis sigaaraa xuuxa. Ani biyya Garmaniitiin dhufe. Erga baay’ee barbaachisaa isiniif fidee waanan dhufeef taa’aa na dhaggeeffadhaan jedhe. Isaanis naaf abboomaman. Macaafa Qulqulluu fudhadheen lallabuu eegale. Daqiiqaa lama yommuun dubbadhu Hafurri Waaqayyoo manicha keessa dhufe. Hundumtuu maarrabiidhaan [sooftii] imimmaan ofirraa haqa. Daqiiqaan koo xumuramuuf yoo dhiyaatu namni Yesus Kiristoositti amanuun dhiifamuu cubbuu barbaadu jennaan hunduu harka kaase. Kadhannaa fayyinaas ana waliin kadhatan. Hundinuus Kiristositti amanan. Waggaa tokkoon booda dhaqee Harold waliin gaafan ilaalu manichi Waldaa Kiristaanaatti jijjiirame. Dargaggoonni achi turan sunis Gooftaaf yoo hojjetanan arge. Ulfinni Waaqayyoof haa ta’u.
Warri tajaajiltoota ofiin jechaa ‘guest house’ bananii haadha hiyyeessaa saaman; zayita dibame, carqii irratti kadhatame, shaamaa dibame jedhanii mana waaqayyo gabaa yeyyiin keessa utaltu godhan, kennaa Waaqayyoo qarshiin jijjiiran nama kanarraa haa baratan. “Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera”(Luq 19: 10) kan jedhu haa yaadannu. Waaqayyo hubannoo nuuf haa kennu. Nagaan bulaa!
Afaan Oromootti kan hiike Bilisa Negash