Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

SEENAA

Seenaa tasumaa hin dubbatamnee fi jallatan kana beektuu?

Yeroo waraana addunyaa lammaffaa Indiyaan loltoota miiliyoona 2.5 bifa tola ooltummaan biyyoota adda addaa deegaruun waraana irratti akka hirmaachisaan taasisuun tokkoffa turte.

2.Abbaa seenaa jedhamuun kan beekkamu Heroodotas, piraamiidiin
Ijiptii garbootaan ijaarame
jedhus dhugaan garuu kan hojjatan hojjattoota miindaan kaffalamuufi dha.

3.Lakkofsa amma Afaan Oromoo ykn Ingilizii keessatti fayyadamnu kan isa ‘Arabic numerals’
jedhamu kan kalaqan araboota osoo hin taane hayyoota herreegaa Indiyaa turan.

4.Keemikaalli ‘Nicotine’ jedhamu yeroo baayyee sigaaraa keessatti kan argamu, moggaasni isaa kan dhufe nama ‘jan nicot’ jedhamu kan Fireensiif Almbaasaaddara ta’uun poorchugaal
keessatti tajaaajile akkasumas ‘Tobaakoo’ fi sigaaraa gara biyya isaa Firaansitti galchuun beekkamuu dha. Innis kan akkas godhuuf qorichumaaf jedheeti.

5.Albert Ayinistaayin Israa’eel keessatti pireezidaantii lammaffaa ta’uun bara 1952 gaafatamus
inni garuu hin barbaadu jechuun yaadicha jalaa kuffiseera.

  1. Jaarraa 13ffaa keessa phaaphaasiin kaatolikii ‘Gregory IX’ Adurreewwan addunyaa irra jiranitti waraana labsee ture! Sababni isaas Adurreewwan hafuura seexanaa (jinnii) qabu
    waan jedhee yaadeef ture. ‘Amphitheatre’ room magaala guddoo itaalii keessatti argamu isa ‘coliseum’ jedhamu maqaan isaa kan moggaafameef siidaa isa cinaa jiru Kolosiyuus (colossus) jedhamuu irraa ture.

7.Amphitheatre’ kana keessatti yeroo baayyee’gladiator’ ykn loltoota kan ta’an warroota dhiirota qofa seetu ta’a, garuu dubartoonnii ‘gladiator’ ta’anis ni turan.

9.Yeroo waraana addunyaa tokkoffaa irratti Faransaayiin (France) paaris sobaa (fake Paris)ijaartee turte. Sababni guddaan ishees diinotni magaala guddoo isaanii kana akka weeraran waan hin barbaadneef ture.

9.Hoogganaa beekkamaa kuubaa kan ta’e ‘Fidel Castro ’ kana Ameerikaanii fi qaamoonni diinota isaa isa ajjeesuuf ykn ajjeechaa yaalii si’a 600 ol itti yaadamus tokkichi isaas isa ajjeesuu
hin dandeenye ture!

10.Namoonni baayyeen namni yeroo duraatiif ‘white house’ isa Ameerikaa keessa jiru sana pirezidaantiin jalqaba seene ‘George Washington ’ itti fakkaataa, garuu dhugaan jirtu ‘John
Adams’ pireezidaantii duraa ‘white house’ keessa seene ta’uu agarsiisa.

11.Balbii ifaa jalqabaa kan hojjate Toomaas Ediseniin beektuu baayyen keessan jedheen yaada garuu dhugaadhan isaa miti;sababni isaas waggaa 40 dura (osoo Toomaas Edisen baalbii ifa hin hojjetin) Astiroonomerii fi keemistii kan ta’e ‘de la rue’ jedhamu, baalbii ifaa jalqabaa
hojjatee ture. Akkasumas abbummaa kalaqaawwan 1093 kan qabu Toomas Edisen bayyeen isaanii kalaqtoota biraa irraa kan bitee fi hate ture!

  1. Bara 1826 pirezidaantonni Ameerikaa lamaan ‘John Adams’ fi ‘Thomas Jefferson’
    garaagarummaa sa’aatii 5’n guyyaa walfakkaatutti addunyaa irraa boqotan. Guyyaan kunis
    guyyaa baayyee gaddisiisaa warra ameerikanotaa ture.

Christoper Columbus, nama yeroo duraatiif Ameerikaa irra qubatee miti! Sababni isaas Abuurraan
Awurooppaa beekkamaan inni biraa ‘Erikson’ jedhamu osoo ‘Columbus ’ Ameerikaa hin dhaqin waggaa 500 dura ameerikaa gahee waan tureef. Akkasumas warroonni gurraachotaas akka achi dhaqan hunda duras ni dubbatama.

13.Namichi ykn mootiin ‘Gengis Khan’ jedhamu namoota miiliyoona 40 ajjeesuu danda’eera!
Kana jechuun haala yeroo sanaatti parsantii 10 laakkofsa addunyaa fixuu danda’eera jechuu
dha. Kan Hitleeriin caalus akka jiru hin dagatinaa.

14.Qaamni loltoota Poolaandii yeroo waraana addunyaa lammaffaattii Biirii/ bear/ akka loltuutti itti
fayyadamanii turan. Biiriin kunis erga waraanni xumurameen booda bakka bineensonni jiraatan galchanis didee ture.

  1. Namni yeroo duraatiif Antarktikaa keessatti dhalate ‘Emilo Marco Palma’ jedhama. Innis
    bara 1978 ture; namoonni baayyeen achitti dhalatuu mitii namummaan tokkoo achi waan argamu itti hin fakkaatu. Barreessaa: Bilisa Negash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *