Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

MORAL STORIESODUU

THERE IS LOVE BETWEEN THE SON,AND THE FATHER.

Namoota caban deebisanii waldhaanuu irra ijoollee jabaatoo guddisuutu salphata!

Frederick Douglass
Karaan sobaan darban gafa Galan nama dhiiba
Mammaaksa oromoo

Ganama ture,maatiin taa’ee buna Dhuugaa jira,Baadiyyaa magaalaa irraa xiqqoo fagaattu,Har’a waajjira bulchiinsa Aanaa keenyatti wal ga’iin qaba,
Na geessita,Achumaanis konkolaataa keenya garaajiitti nuuf hojjechiista jedhe abbaan ilma isaatiin.

Haati manaa afaan isaa irraa fuutee,
Gaariidha,Anaafis waan bitee dhufu qaba,Si haa geessu jette,

Wal qabatanii gara magaala deeman,ilmatu konkolaataachisa ture, Fageenya kiilo meetira 25 oofee booda magaala seenaa,

Haga sa’atii kudhaniitti konkolaataa garaajii galchii hojjechiisii waan haati kee barbaaddus bitiif,waan hunda xumurii sa’ati kudhanii fi walakkaatti waajjira bulchiinsa aanaa kottuu na fudhadhu jedhee ilma isaatti hime abbaan.

Mucaan konkolaata garaajii ergaa galchee booda bakka bashannanaa deeme,dhugaatii alkoolii,hashiishii aarsuu waan hedduutu ture,sanatti otoo jiruu sa’atiin beellama abbaa isa jalaa darbe,Abbaan isaa isa eegee dadhabee mana garaajii deeme,konkolaataan
Suphamee dhaabata,Gurbaan garuu achi hin turre,waan godhu dhabnaan gara waajjirichaatti deebi’e,

Sa’atii kudha tokko fi walakkaatti ture ilmichi beellama abbaa isaa yaadatee gara manaa garaajiitti fiige,Atattamaan konkolaataa baafatee gara iddoo abbaan isaa jiruutti fiige,Amma sa’ati kudha lama ta’ee jira,yeroo inni achi ga’u abbaan isaa gaddee mataa buusee taa’a,

Ilma koo maaliif akkana goote maaliif haga sa’a kudha lamaatti na eegisista jedhee gaafate abbaan sagalee laafaan,
Muichi baay’ee na’e,waan deebisu dhabnaan sobuuf dirqame,’Abbaa warra garaajiitu na turse, kunoo amma naaf xumurraanaan fudhadhee.dhufe,Haga ammaatti achuma taa’een eegaa oole jedhe,Akka abbaan isaa mana garaajii deemee ilaalee ture hin barre,

Abbaan deebii mucaa isaatti daran gadde.

Ilma koo maaliif akkana goote maaliif haga sa’a kudha lamaatti na eegsista jedhee gaafate abbaan sagalee laafaan mucichi baay’ee na’e, waan deebisu dhabnaan sobuuf dirqame.

Aabaa warra garaajiitu na turse, kunoo amma naaf xmurraanan fudhadhee dhufe,Haga ammaatti achuma taa’een eegaa oole jedhe,Akka abbaan isaa mana garaajii deemee ilaalee ture hin barre,

Abbaan deebii mucaa isaatti daran gadde,Mataa buuse,sana booda tarkaanfii inni fudhate ajaa’ibsiifachuu dhiisuun hin danda’amu,.

Ilma koo Ani sa’atii.beellama keenyaa yeroo xiqqoo booda gara mana garaajii deemeen ture konkolaataan yeroo jedhame dursee suphamee xumuramee dhaabaate,Ati immoo achi hin turre, si eegee dadhabeen asttti deebi’e ,Ati garuu na sobde,Haga ammaati naa sobda jedhee yaadee hin beeku,Baay’ee nan gaddaa,.
Maaliifan gadda beektaa ? kan balleesse si miti,anadha, Balleessaa koofan.

Sobduu taasisee si guddise, Akka abbaatti itti gaafatama fudhachuun qaba,ilma sobduu guddisuu koof adabamuu kan qabu anadha,Eyyee, siif miti adabni anaaf mala. Amma egaa beenu haa deemnuu, Ati ana boodaan konkolaataa oofi, Ani immoo si dura bu’een miillaan deemaa,Adabamuun qaba jedhee akkuma jedhe dura bu’ee ka’e.

Mucaan naasuu irraa kan ka’e dubbachuu dadhabe,Yaada abbaa isaa jijjiirsisuuf miilla isaatti kufee boou’s itti hin milkoofne, Abbaan ejjennoo isaatti kufee boo’us itti hin milkoofne, Abbaan ejjennoo isaatti ciche,ture.

Abbaan konkolaataa dura bu’ee miillaan, ilmi immoo konkolaataa oofee duubaan deemsa itti fufan ,Akkanaatti kiilo meetira 25 deeman,Muucaan halkan guutuu boo’aa bule, Bara jireenya isaa guutuu eenyuunuu akka hin sobne murteeffate, Nama dhugaa ta’e.

Maal nu barsiisa seenaan kun
Tokkoffaa,gurbaan araadawwan isaa guuttachuuf itti gaafatama isatti kenname dagate.

Itti gaafatamni isatti kenname konkolaataa garaajii galchuu,fi hojjechiisee akkasumas wantota haati isaa barbaaddu biteefii sa’attii kudhanii fi walakaatti bakka abbaan isaa jiru deemuu ture,
Garuu hin taane,maaliif Gurbaan imaanaa itti kenname dagatee, dheebuu araada isaa ba’achuuf bakka hin malle deeme,Gurbaan kun araadawwan barbaachisoo hin taaneen

Qabamee jira, maatiin sana beeku jedhee hin yaadu,Tarii otoo isaan hin beekiin sana keessa seene ta’a,.Deemee deeme
Garuu araadni sun gurbaa rakkoo irra buuse.

Qabxii ijoo ani tuqee darbuu barbaadu maatii ilaallata,.

Maatiin ijoollee isaa itti dhi’eenyaan hordofuuf dirqama qabu.
Callisee nyaachisee,obaasee,itti uwwisee fi mana barumsaatti erguun ga’aa mitt,Mucaan koo eessa oola? Eenyu
Waliin oola Haala akkamii keessa oola jedhee of gaafachuu fi hordoffii barbaachisaa taasisuu qaba,keessumaa bara keenya kana keessaa daa’immaan guddisuun baay’ee, Ulfaata.

Yoo maatiin guddisuu baate wantonni ijoollee nyaachuuf afaan bananii eeggatan hedduudha,

Yeroo baay’ee ijoollee keenyaaf,xiyyeeffannoo ga’aa akka hin laanne kan nu taasisu yeroo dhabuu keenyadha. Hojii hedduutti qabamnee waan ko’oommamnnuuf ijoollee keenya waliin yeroo ga’aa dabarsuu dadhabna,Hammuma nuti isaan irraa
Fagaannu immoo balaaf saaxilamaa-deemu.

Nan yaadadha,Gaaf tokko fiilmii tokko ilaalan ture,Abbaan guyyaa guutuu hojiif fiigaa oolee galgala manatti gala, yeroo inni galu daa’imni isaa jaalalaan harka isaa bal’isee, Aabaa jechaa itti fiiga,Abbaan garuu amma illee ni ko’oommata,Akkuma ol seeneen kompiyuutara isaa banatee waa hojjechuu eegala,Yommuu mucaan isaa
Harka bal’isee gara isaatti fiigu, Amma miti Booda jedhee of irraa qolata.

Mucaan hamilee cabaadhaan mataa buusee biraa deema, Abbaan xiyyeeffannoo isaa hunda hojii irra kaa’atee hojicha itti fufa,waan kun yeroo dheeraaf ittuma fufe, Dhuma irratti mucaan guddachaa deeme,Haalli itti guddate garuu gaarii hin turre, Araadawwan hedduun kan hidhamee fi hattuu ta’e,.

Abbaan sana hunda quba hin qabu ture, dhuma irratti mucaan isaa dargaggoo balaafamaa akkamii akka ta’e dhaga’e,Baay’ee gadde,Akkuma dhaga’een miira akka malee miidhameen harka isaa bal’isee,llma koo jechaa gara isaa deeme,llmi isaa maal jedhe Abbaa Amma miti Amma yeroo isaa darbeera jedhee achumatti isa dhiisee deeme.

Yoo nuti maatiiin daa’imummaa isaanii irraa eegallee haalaan guddisuu baanne wantonni ijoollee keenya guddisan hedduutu jiru, Yeroo itti ofitti isaan qabuu qabnutti yoo of irraa isaan qolanne,erga yeroon darbetti nuuf gala,
Gaaf sana immoo itti dhi’aachuu yoo yaalle akkuma mucaa armaan olitti ilaallee,Amma miti nuun jedhu, Yeroo sirriitti isaan hordofuudhaa yoo baanne yeroo dogoggoraatti taallee homaa hin fidnu,

Ergaa isaan nu harkaa ba’anii booda sirreessuu yaaluun ni ulfaata,kanaafuu,yeroo sirrriitti itti haa dhi’aannu,Pirojektiin daa’ima guddisuu caalaa bu’aa qabu waan hin jirreef, yeroo keenya bal’aa haa kenninuuf, kallattii sirrii itti haa argarsiisnu.

Gurbaan seenaa armaan olii keessatti ilaalle araadawwan dhugaatii alkoolii fi hashiishii aarsuun hidhamee ture, konkolaataa akkuma garaajii galcheen bakka araada sana itti ba’utti fiige,Alkoolii dhuguunis ta’e hashiishii aaruun araada gadheedha, Miidhaawwan dhuunfaa fi hawaasummaa hedduu qaba.

Har’as dargaggoonni keenya rakkoo araadaa hedduuf saaxilmanii jiru,Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa hedduun hidhaa
Araadawwan adda addaan hidhamanii akka jiran qorannooleen ni mul’isu.

Dhiironni hedduun hashiishii akka aarsaniif naannoo manneen barnootaatti manneen hashiishii dhoksaan banamanii jiran hedduudha,shamarran itti dhi’eenyaan hordofamuu dhabuu irraa kan ka’e hariirroo dogoggoraa keessaa seenuun ulfa hin barbaachisneef saaxilamaa jiru,Haga lubbuu isaanii dhabuu kan ga’an hedduudha.

Walumaa galatti ijoollee guddisuun hojii salphaa miti.
Hojii guddaa ogummaa maatii gaafatudha,Bakkaa fi akkaataa oolmaa isaanii haalaan hordofuudhaa yoo baanne ijoolleen keenya ni nyaatamu,waan biraa haa hafuu bilbili nuti binnee itti kenninu mataan isaa ibidda isaan ittiin of guban Keessaa buusu danda’a.
Intereneeta fayyadmuun viidiyoolee saal-qunnatii miira isaanii kakaasan ilaaluun dogoggorati kan namas ta’e waaqa duratti doggora ta’e

Keessaa seenu,sun immoo miidhama xiin-sammuuf isaan saaxiluu irra iyyuu darbee,fayyaa isaanii irratti rakkoo fiduu mala kanaafuu,ijoolleen keenya bilbila nuti binnee itti laanne akkamitti dayyadamaa akka jiran hordofuun ga’ee keenyadha.

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *