Waaqayyo, “kadhatni kee sirrii miti” naan jedhe.
Isin akkamitti kadhattu?
Raajii Masarat Taayyee hundeessaa fi Abbaa mullataa Waldaa Araara Waaqayyoo fi Tv Araaraa yoo ta’an. Durumaan dursee waaqayyo dhimma guddaaf akka isaan barbaadaa ture dubbatu.
Keessumaa dhugaa ba’umsa isaanii keessatti wanti isaan dubbatan yeroo kadhachaa turanitti waaqayyoon eebba lafa irraa akka kadhachaa turan dubbatu garuu homaa jiijjiirma kan hin argannee fi guyyaa tokko hafuurri qulqulluun isaanitti mullatee akkas jedheen, ‘Ati maal kadhachaa jirta?’ Wanta na kadhachuu qabdu adda baasi jedheen.
Raajiin Masarat Guyyaa kana irraa eegalanii Waa’ee lafa irraatiif Bishaan Burcuqqqoo tokko naaf kenni! jedhanii kadhatanii akka hin beeknee fi guyyaa sana irraa waaqayyo eebbba lafa irraa dhiisanii xiyyeeffannoon isaanii Mootummaa waaqayyoo barbaaduu fi ogummaa kadhachuu akka ta’e himu.
Maarree kunis hundeen isaa macaafa Qulqulluu keessaa kan maddedha.
Solomoon Yeroo kadhatu,
“Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani garbichi kee iddoo abbaa koo Daawit mootii akkan ta’u gooteetta; ani garuu ijoollee dha, attamitti akkan bulchus hin beeku. Solomoon mootichi kana kadhachuun isaa Waaqayyoon in gammachiise. Waaqayyo kana irratti Solomoon mootichaan, “Ati ofii keetii bara dheeraa jiraachuu, sooromuu, diinota kee fixuuf utuu hin ta’in, saba qajeeltootti bulchuuf, firdii qajeelaas kennuu fi ogummaa waan ana kadhatteef, kunoo, ani wanta ati na kadhatte siif nan godha; ani ogummaa fi hubannaa namni kanaan dura argatee hin beekne yookiis si’achi argachuu hin dandeenye siif nan kenna. Akkasuma immoo wanta ati, ‘Anaaf kenni!’ jettee ana hin kadhatin ulfinaa fi badhaadhummaa dabalee siif nan kenna; mootota bara kee keessa jiraatan hundumaa keessaa kan siin qixxaatu hin argamu*. Abbaan kee Daawit akkuma godhe, atis akka jaalala kootti yoo jiraatte, seerrata koo fi abboommii koo yoo eegde, bara dheeraa akka ati jiraattu nan godha” jedhe.
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:7, 10-14
Kana Malees Raajiin Masarat guyyaa tokko tajaajilaa tokko waliin akka wal argan himu; tajaajilaan kunis, “Amma yeroo namni si dhagahaa jiru kanatti fiigii qabeenya walitti qabadhu” naan jedhe jedhu. Haa ta’u malee Raajiin, anaan namoonni na dhagahaa deemu. Kan koo dabalaa deema malee hir’achaa hin deemu jechuun deebii quubsaa deebisaniif.
Walumaagalatti wantoota lafa irraa gatii hin qabne kan Solomoon ‘Akkasumaani! ‘ jedhee waame barbaaduu erga dhiisanii wanti lafa irraa ofii isaa akka isaan barbaaduu eegale dubbatu. Kana malees carraa argannetti Wangeela isa dhugaa fi qajeelummaa lallabuu dhiisnee wantoota biraaf akka hin oolchine barsiisu.
BBC News Blessings Christianity Cultivate habit of prayer Kanapress.com Obsii.com Prayer Shimeman.com Sifanoro.com Wabiif.com
Isin hoo?
Yeroo kadhattan isa kam dura kadhattu? Waa’ee eebba lafa irraa moo waa’ee mootummaa waaqayyoo barbaaduuti? Macaafni qulqulluun akkas jedha, ‘ Duraan dursaatii mootummaa waaqayyoo barbaadaa inni kaan akkkasumatti isiniif kennama’ jedha.
Dhugummaa isaa immoo caqasa armaan olitti Kadhata Solomoon keessatti ilaalle keessatti, Solomoon ogummaa kadhate; Wàaqayyo immoo Ulfina, badhaadhummaa kabaja in kenneef….
Kanaaf maal akka kadhachuu qabni beekuun jireenya keenya keessatti jijiirama guddaa fiduu akka danda’uu fi egereen jireenya keenyaa fi namummaan keenya borii kadhata keenyaan akka murtaa’ u beekuu qabna.
Hubannaan ogummaan nutti hin fagaatiin!
Bilisa Ne.