Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

GORSAMORAL STORIES

Xiinxala Sammuu

GARAAGARUMMAA DHIIRAA fi DUBARAA GAMA HEDDUUN BARAA.

Xiinxala Sammuu Namaa


  1. HOJII HEDDUU AL TOKKOTTI HOJJECHUU
    Dubaroota :
    Sammuun dubartootaa yeroo tokkotti hojii hedduu akka xiyyeeffatuuf kan qophaa’edha fknf.
    Dubartoonni al tokkotti TV Ilaaluu, Bilbilaan Haasa’uu fi nyaata bilcheessuu ni danda’u.
    Dhiirota :
    Sammuun dhiiraa yeroo tokkotti hojii tokko qofa akka xiyyeeffatuuf kan qophaa’edha . Dhiironni yeroo tokkotti TV ilaaluu fi bilbilaan haasa’uu hin danda’an. osoo Haasa’anii TV ilaaluu dhaabu. Yookaan TV ilaaluu ykn bilbilaan haasa’uu ykn nyaata bilcheessuu danda’u.
  2. AFAAN SHAAKALUU
    Dubartoonni salphaatti afaan hedduu barachuu danda’u. Garuu rakkoof furmaata argachuu hin danda’an. Dhiironni salphaatti afaan barachuu hin danda’an, salphaatti rakkoo furuu danda’u. Kanaafidha shammarran kan ji’a 1ttu Amaariffa Mulluc godhanii fixan.
  3. OGUMMA XIINXALAA
    Sammuun dhiiraa adeemsaan xiinxala kunis of to’achuuf bakka guddaa qaba. Adeemsa tokkoof furmaata isaa xiinxaluu fi argachuu fi kaartaa rakkoo tokkoo salphaatti dizaayinii gochuu danda’u. Garuu Yoo kaartaan rakkoo walxaxaa dubartootaan ilaalame hubachuu hin danda’an. Dubartoonni bal’ina kaartaa salphaatti hubachuu hin danda’an dafanii Kaartaan maal akka fakkaatu sitti himuu fedhu malee.
  4. SOBA
    Dhiironni dubartoota fuula duratti yommuu soban salphaatti ni qabamu. Sammuun dubartootaa haasaa ati dubbattu 70%, Afaan keessa 20% fi jechoota afaan keessaa dhufan 10% dhugummaa isaa ilaalu. Sammuun dhiiraa kana hin qabu. Dubartoonni salphaatti dhiirota fuula duratti sobu.
    Kanaaf yaa dhiirota of eeggadhaa! fuula fuulatti hin sobinaa ni qabamtu.
  5. RAKKOO FURUU
    Dhiirri tokko rakkoo baay’ee yoo qabaate sammuun isaa rakkoolee jiran ifatti kutaa kutaan ramadee kutaa dhuunfaa sammuu keessa kaa’ee booda tokko tokkoon furmaata argata. Dhiirota hedduu yeroo dheeraaf samii ilaalan arguu dandeessu.
    Dubarri tokko rakkoo baay’ee yoo qabaatte sammuun ishee rakkoolee sana kutaa kutaan ramaduu hin danda’u. namni tokko akka rakkoo ishee akka dhaga’u barbaaddi. Nama tokkotti waan hunda erga himtee booda gammachuudhaan siree irra deemtee rafti. Rakkoon furmaata argachuu fi dhiisuu isaa ishee hin yaaddessu.
  6. WAAN BARBAADAN
    Dhiironni sadarkaa, milkaa’ina, furmaata, adeemsa guddaa fi kkf barbaadu… Dubartoonni garuu hariiroo, hiriyoota, maatii waliun taphachuu, Bashannanaa fi kkf barbaadu…
  7. GAMMACHUU DHABUU
    Dubaroonni hariiroo isaaniitti yoo hin gammanne hojii isaanii irratti xiyyeeffachuu hin danda’an.
    Dhiironni hojii isaaniitti yoo hin gammanne hariiroo irratti xiyyeeffachuu hin danda’an.
  8. DUBBII
    Dubartoonni dubbii keessatti afaan al-kallatti fayyadamu. Garuu Dhiironni afaan kallatti fayyadamu.
  9. MIIRA
    Dubartoonni osoo hin yaadin baay’ee haasa’u. Dhiironni garuu osoo hin yaadin baay’ee socho’u.

10.AMANTII
Dubaroonni dhiirota caala Amantii isaanii jaalatu. Faallaa kanaa garuu salphumatti amantii isaanii dhaabu.

Bilisaa Nagaash

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *