Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

GORSA

Yaada ogummaa barbaadu

Gaffii Jecha “ogummaa”/Wisdom/ jedhu kanaaf hiika isaa waliin qo’anna!
Nagaan fi Araarrii waaqayyoo baga jirtanitti isiniif ha baayatu! kaleessa kutaa jalqaba “Yesus maaliif ‘Abban na caala’o?’jedhe” kan jedhu,waliin qayyabbanne turre! Warri hin dubbisne fuula Facebok koo jalaa maxxansa 251ffa dubbisaa! Kun barnoota keenya marsaa 2ffaadha! Qulqullootakoo hanga dhumaatti obsaan dubbisaa!

Gaaffii yeroo hundumaa kahan Macaafa Fakkeenyaa 8:22-23 irratti ogummaan waa’ee ofii isaa akka namaatti yommuu dubbatutti “Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura #na_uume; ani jalqaba bara durii duriiti, utuu biyyi lafaa hin uumaminan aboo irra kaa’ame” jedhe.

Hiika kanaa haala salphaa taheen waan hin hin ilaalamneef jalqaba kakuu moofaa keessatti fakkeenyonni argaman YESUS kan bakka buhan tahuu isaa ilaalla. YESUSiin bakka buhu jechuun gaadidduu isa dhufuuf jiru ibsu malee,kallattiidhaan yesuusiin tahuu hin dandahan.Wanta nuti cimsinee hubachuu qabnu YESUS bakka buhu malee YESUS tahuu miti.Fakkeenyaaf Seera Lak. 20:7 keessatti museen dhagaa rukutee bishaan baase.Kutaa kana keessatti kattaan inni museen rukute kattaa isa uumama dha malee kattaa uuma miti. Kun fakkeenya ykn gaadiddu isa kakuu haaraatti kattaa bara baraa tahee ulee seeraan reebamuuf jiru YESUSiin nuuf ibsuuf barreffame.

Kattaan 1phex 2:7 , mat 21:42 , mar 12:10 , luq 20,17 kanarra kan jiru garuu isa uumama miti. Kattaa isaa uuma(dhagaa golee qajeelchu) ulee firdiin fannoo gubbaatti reebameedha malee.
Lafti Israel biyya gibxii keessaa bahanii itti galan sun lafa uumamaadha. Biyya garbummaadha bahanii biyya birmadduutti galan. Biyyi sun isaaniif biyya nagaafi qabbanaadha. Kakuu haaraa keessatti biyyii nuti itti gallee boqonnaa arganne jireenya bara baraa dha. Inni lafa bara baraan jiraatu kristos jedhama. Lafti kakuu moofaa keessatti ibsame lafa uumama yoo tahu, lafti inni kakuu haaraa immoo lafa isa waan hundumaan guutuu nuuf tahe,nuti irratti biqille gudanne uumaa(kristoos) dha. Kun immoo maal nuf ibsaa…. Inni kakuu moofaa keessatti fakkenyaan dubbatame marti kakuu haaraa keessatti YESUS nuuf ibsa. Inni kakuu moofaa keessaa gaadidduu(uumama)dha.inni kakuu haaraa immoo uumaa(waaqayyoo isa foon uffate ‘kristoos’jedhame)mullate sana ibsa.

Gara dubbii ijoo keenyaatti yoo deebineef,Barreesitootiin sobaa tokko tokko Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessaa walitti harkisuun YESUS Kiristoosiin kallattiimaan jecha “Ogummaa” jedhu kanaan ibsuuf yaalii godhu. akkuman sila jedhe wanta kakuu moofaa keessatti barreeffame kallatiidhaan YESUS bakka buha malee kallatiin YESUS tahuu hin dandahu. Sababnisaa gaadidduun kallattiin qaama ta’uu waan hin dandeenyeef jechuudha.

Gaaffii yeroo hundumaa kahan Macaafa Fakkeenyaa 8:22-23 irratti ogummaan waa’ee ofii isaa akka namaatti yommuu dubbatutti “Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura na_uume; ani jalqaba bara durii duriiti, utuu biyyi lafaa hin uumaminan aboo irra kaa’ame” jedhe.

kanaaf 1Qor.1:24 irratti “Kiristoos humna Waaqayyoti, ogummaa_Waaqayyootis” kan jedhu waliin wal qabsiisuun barsiisonni sobaa innii Waaqa barabaraa miti jedhu.

Dhimma kana irratti namni James D.G. Dunn jedhamu Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa kana waliin wal-cina qabee yommuu xiinxalutti hojii nama Philo, nama lammii Jewish- Alexandrine religious philosopher ta’ee caqasuun “ogummaan akka maqaa, ulfina, fi hafuura Waaqayyootti kan hubatamuu fi karaa waaqayyo ittiin biyya lafaa dhufeedha“ jedhe.

Ergamichi Phaawulos ergaalee isaa keessatti jecha ogummaa jedhu kana
akkamitti ilaala? Kana ilaalchisee namichi #Dunn jedhamu akka ibsetti
“Ergamichi Phaawulos walhubannaa amantoota Qorontoos keessatti dhabame
irratti keessumaa iyyuu namoota ‘ogummaa biyya lafaa kanaa/cosmological_wisdom/ fayyadamuun dhugaa bira ga’uun in danda’ama’ jedhaniif deebii kennuuf Phaawulos dhimma kana akka inni ibsu isa godhame!” jedha.

Akka kanaan ogummaa guddaan Waaqayyo ittiin biyyaa lafaa kanatti of mul’ise karaa Kiristoos akka ta’e hima (1Qor.1:18-20). Akka Phaawulos jedhutti warri Yihudii milikkita, warri Giriikii ogummaa barbaadu (1Qor.1:22). ogummaa biyya lafaa kanaan mul’ata Waaqayyoo isa ulfaataa bira ga’uun hin danda’amu.

“Fannoon hojii ogummaa Waaqayyooti; akkuma kanaan inni Kiristaanotaaf ogummaa Waaqayyoo in mul’isa in ibsas”. Kanaaf Phaawulos tasuma haasaa kana isa Solomon Macaafa Fakkeenyaa boqonnaa 8 irratti kaasu kana waliin kallattiin akka wal hin qabsiisne beekuun gaariidha.kallattiin tahuu dhiisuun isaa gaadidduu kakuu haara waan taheef!

Karaa biraan dubbachuuf,waaqayyo jalqaba Macaafa Fakkeenyaa 8:22-23 irratti kan dubbatame ogummaa uumera. Ogummaa akkamii? Ofuma isaatii Ogumma ittiin gara biyya lafaa dhufuu dandahu.kunis Hojiin fannoo saxaxa/design/ Waaqayyooti, isa ogummaa Waaqayyoo isa barabaraa keessatti mul’atedha. Kanaaf inni 1Qor 1:23-24 irratti ibsamee jiru sun hojiin fannoo oogummaa guddaa tahuu isaa kan ibsuudha.

Wanti ani jechaa jiru kun siif galuun isaa sitti akka ulfaachaa jiru naaf gala jira! Mee yaada koo karaa biroon salphiseen siif ibsa! Waaqayyo jalqabatti ogummaa tokko uume! “Ogummaa akkamiidha?” kan jedhuuf immoo! Ogummaa ittiin biyya lafaa kana cubbuu jalaa bilisa baasuudha! Kanaaf ogummaan waaqayyo uume kun, waaqayyoomti kun ofuma isaatiin akkamittiin gara dhala namaa isa foon uffate jiru kana dhufee akka wajjin jiraatuu dandahu sammuu isaa keessatti ogummaa uume! Fkn waaqayyoo nama wajjin walii galee jiraachuuf daandii tokko qofa qaba! Saawwa tahee yoo dhufe saawwi hin haasoftu waan taheef namaa wajjin waliif hin galu! Uumama kam ha tahu malee waaqayyoo gara namaa dhufuuf wanta inni fakkaatee dhufu hinjiru.Harree,waraabessa,sar’ee,waangoo,jaldeessaa,kuruphee…kkf tahee waaqayyo namatti mullachuu hindandahu!

Kanafuu wanti inni ittiin namatti mullatu nama tahuu qofa kunis ‘kristoos jedhama! (kristoos bifa waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mullateedha. Qol 1:15) Ogummaa isa kana egaa kan inni macaafa fakkenyaa keessatti dubbachaa jiru! Ogummaa dhalate jechuun akkamittiin waaqayyo akka foon uffatee waaqarraa gad buhu (kristoosiin ta’ee) sana of keessaatti ogummaa kana uume jechuudha!

Mee atumti barreeffama kana dubbisaa jirtu kun bifni kee diimaadha ha jennu…biyya tahe tokko deemta ha jennu.biyya namoota bifti isaanii gurrachaa qofa tahe deemuuf jetta ha tahu! Biyya kana keessatti immoo namni diimaan jiraachuu hin dandahu;nama diimaa yoo argan ni baqatu ykn ni ajjjessu ha jennu! Kanaaf biyya kana deemuuf dursitee akkamitti akka deemtee isaanii wajjin jirattuuf fala qopheessita! Kana booda maqaakee jijjirta;bifa kee qalama tahe dibatte gara biyya kanaa deemta! sana booda namoota bifaan gurraacha tahan sanaa wajjin waliif galuuf siif salphata jechuudha! Garuu bifakee fi maqaakee jijjirame malee ati isuma duriidha!har’aaf bifnikee fi maqaakee kee jijjiramus bor eenyummaa kee dhugaatti deebihuun dirqama.

Egaa

Kanaafuu ati ogummaa uumtee ofiikee jijjirte, namoota bifaan gurraacha sana wajjin jiraachuu jalqabde jechuudha!
Hima wal fakkaataan,Waaqayyoo bakakkaa caalatti guddaa fi sodaachisaa waan taheef bifa kanaan gara biyya lafaa dhufuun hammam akka ulfaatu atis beekta! Kanaafuu akkuma ati of jijjirtee gara biyya sanaa deemte waliin jiraatte,Waaqayyos akkuma kanaan ogumma tahe ofkeessatti uumee kristoos jedhamee biyya lafaa dhufe! Ogummaa sammuu waaqayyoo sana keessa turetu qaama uffatee kristoos jedhame malee waaqayyootu kristoosiin uume miti! Kanaf biyya lafaa kanarratti jiraachuuf ogummaan kun akka nu barbachisu Solomon macaafa fkn keessatti nuuf barreessa jechuudha! Yaadni kun namaaf galuun isaa akka ulfaatu beeka! Namoonni isiniif hin galle karaa keessaa na dubbisaa bilbilaan isiniif ibsa! Ergaa kana #share gochuun dhugaa macaafa dhaloota hubachiisaa adaraa! Dhumarratti namoota barumsa kana hordofaa jirtaniif badhaasa isiniif qopheesse waanan jiruuf kutaalee hafan eegaa hanga dhumaatti dubbisaa!
Itti fufa….
Sola Bedasa tiin!

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *