Daily Contact

You are on peak! Just go and read!

Uncategorized

Yesuus eenyu?

Ergaan kun “Yesus ergamaadha malee Gooftaa miti! Yesus eessatti ‘Ani gooftaadha naaf sagadaa’jedhee? Yesus ergamaa rabbiiti malee rabbii miti…” yaadota jedhaniif deebii dha!
Gaafffi ati ittin yeroo Mara qoramtu tahuu mala dubbisimee!

obboloonnikoo muslimaa, waaqeffataan oromoo fi kannen biroon gaaffii kana baayyinaan na gaafachaa turtan! Kunoo Walitti qabee altokkoof isiniif maxxanseera! Gaaffi keessan kan biro boodan isiniif maxxansa! Ammaaf kana dubbisaa!

Nagaan,Araarri fi Ayyaannii waaqayyoo inni ulfina qabeessaa isiniif ha baayatu! Akkam jirtuu? Ani nagaa kooti! Ana faana Itti dadhabdanii warri barnootaa kana #share gochuun dhaloota biraan gaha jirtan waaqayyoo bara keessan hafe ha eebbisu! Egaa gidduu kana marsaa 1ffaa jalqabne barnoota “Eenyummaa Yesus irratti gaaffilee kahaniif deebii kennuu” jedhu waliin ilaalaa jirra! Kun barnoota keenyaa marsaa 3ffaadha! Marsaa 1ffaa fi 2ffaa warri hin dubbisne maxxansa 251ffaa fi 252ffaa timeline profile koo jalaa dubbisaa! Dhuma barreffama kanaa irrattis link isaa isiniif kaa’eera.Ammas ayyannii waaqayyoo daran isiniif ha baayatu! Jabaadhaa!!

Yesus Kiristoos durse ergamaa ture;erga duee duaa ka’ee boodas gara iddoo isaa angafa ergamootaa ta’uutti akka deebi’etti ibsuu kan yaaluu warri barsiisa sobaa barsiisaniif dhugaa macaafa Qulqulluus beekumsa mataa isaaniin hubachuu yaalaniidha.Maaafni Qulqulluun kan inni Sagalee waaqayyooti jedhameef sababa yaaduu sammuu namaan ol taheefidhaa.sababni isaa sagaleen waaqayyoo sammuu namaan waan hin hubatamneef waaqayyoo namootaa macaafa kana hubachuuf fedha qabaniif qalbii isaanii bana! Waaqayyo nama hundaaf qalbii ha banu! Ameen!

Rakkoon macaafa qulqulluu hubachuu dadhabanii falmif kaasuun kun sammuun macaafa kana hubatu waan hin banamneef!
“Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.”Luq.24:45

kanaaf eenyummaan Yesus Kiristoos Waaqayyo tahuusaa kan hubatamuu sammuu keenyaan miti! Sammuu haaraa waaqayyoo namaaf kennuun malee.Rakkoo hubannaa yoo taheef malee Yesus yoom illee tasa ergamootatti fakkeeffamee hin beeku. Yesus ergamaa miti! Yesus Waaqayyoo jiraataadha. Maaliif?

Macaafni Qulqulluun Inni ergamaa akka hin taane nutti hima; Inni Ergaa Ibirootaa barreesse, “Waaqayyo Ilma isaa hangafa gara waan hundumaa gara biyya lafaatti yemmuu erge ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadani jedhe” (Ibr.1:6) jedha. Yesuus mootii moototaati malee ergamaa miti (Mul Yoh.19:16).

Ergamaan nama irraa waaqeffaannaa hin fudhatu (M.Yoh.19:10; 20:9), Yesuus garuu waaqeffannaa simateera
(Yoh. 20:28).Ammas inni Ergaa Ibirootaa barreesse yommuu ibsutti, “Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ‘Ani_isaaf_abbaa_nan ta’e, innis ilma anaaf in ta’a’ jedhee beeka?”(Ibr.1:5) jedha;

Kanaaf Yesuus ergamoota irra in caala (Ibr.1:1-4). Itti fufuuniis “Waaqayyo biyya lafaa isa dhufuuf jiru, isa nuyi waa’ee isaa dubbannu harka ergamootaa jala hin galchine” (Ibr.2:5).
Yesus immoo Gooftaan isaa fi Abbaa gidduu garaagarummaan akka hin jirre yommuu ibsetti “Abbaa fi ani tokko…” jedhee ibse.
“Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.” —Yoh. 10:30

Ergamichi Phaawulos ergaa isaa gara amantoota Qolosaayisiif barreesse keessatti “Waaqayyo guutummaa waaqayyummaa isaatiin, isa keessa jiraachuutti gammadeera” (Qol.1:19) jedha.addummaan immoo Yesus waaqayyoo tahuu isaa kutaan ifaa ifatti falmii malee ibsu.(Isayas 9.6)” mucaan nuuf dhalateera,ilmi nuuf kennameera;humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira.maqaan isaa Gorsaa,Dinqii, Waaqayyo_jabaa,Abbaa bara baraa angafa nagaa ni jedhama”
“Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi’ee mul’atu sanaa in eegganna. Inni mul’achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo_keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.”
— Tit. 2:13
kanaaf kutaan kun lamaan ifatti Yesusiin ‘waaqayyo_jabaa’ jedhee waama.

Ammas Yesuus akkas jedhe: “Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture” (Yoh.8:59). Yesuus eenyummaa isaa yommuu ibsutti Mul’ata Yohaannis
1:8; 21:6; 22:13 iddoo sadan kanatti akkas jedhe:
“Ani_Aalfaa_Oomegaa_dha”.Kana jechuun Waaqayyo Abbaa waliin amala/nature/ tokko qabu. Eenyummaa Waaqayyo Abbaa waliin akka qooddatu hubachuun yoo barbaachise “Waaqayyo mootiin Israa’el Inni Israa’eliin furu, Waaqayyo Gooftaan maccaa, ‘Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaatis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru’” (Isa.44:6) jedhee dubbate; Yesuusis akkuma kana “ Ani_Aalfaa_Oomegaa_dha ” (M.Yoh.1:8) jedhe.

Itti dabalees ani “…isa jalqabaati isa dhumaatis” (M.Yoh.13:22) jedhee dubbateera; ammas Alfaa fi Omeegaan, jalqabaa fi dhumni ana (M.Yoh.21:6).

Ergamaan Waaqayyo si’a takkaa iddoo tokkotti argama malee si’a takkaatti iddoo hundumaatti hin argamu (Daan.10); Yesuus Kiristoos garuu si’a takkaatti iddoo hundumaatti in argama (28:18-20).

Inni haala namaa beeka; iddoo barbaadanitti in argama/Omnipresence_and_omnipotence/. Kana waan ta’eef Ergamootiin waaqa irraa jilbeeffatanii Yesuusiif sagadu (Ib.1:6; Filph.2:9-11) malee Yesuus tasumaa isaan keessaa akka isa tokkoo ta’uu hin danda’u. Kanaaf macaafni qulqulluun sagalee waaqayyoodha! Sagalee waaqayyoo immoo akka kitaaba saayikooloojitti xxinxallee waan hubannu miti! Kanaaf dubbii hafuura waaqayyoo qofaan namaaf gala! Hafuura qulquulluun dubbi kana cimsee yoo nama barsiisee malee beeekumsa mataa keenya tasuma namaaf galuu hin dandahu!

obboloota ko; isin barreffama kana dubbisuu yaadoftu. Garuu barreffama kana barressuun akkam akka nama dadhabsiisuu beektu! Waaqayyo garuu jabina isaa naaf kennera! Mee isin immoo Ergaa kun Sagalee waaqayyoo dha warri jettan adaraa adaraa share waliif godhaa.

Obboleessa keessan Sola Bedasa tiin!Sola Bedasa

Bilisa Ne

I am Bilisa Negash, I am social media developer, motivator, personal development advisor Do you want to be positive thinker? Kindly follow my blog! if you have any comments, feel free and contact me I'm here to assist you. Thank you for visiting!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *